top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Ilmi Malik Salmaan, Sa’uudii gara ‘Moderate Muslim’ ni deebisna jedhe.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 26, 2017
  • 1 min read

Mahammad Bin Salmaan kora walgahii investimantii magaalaa Riyaad keessatti qophaaye irratti akka jedhetti, “Sa’uudii gara biyyaa Islaamummaa jiddu galeessaa fi biyya amantaa hundaaf banaa taatetti ni jijjiirra” jedhe. Itti dabaluudhaanis “biyyi teenya waggoota soddoma dura akkana hin turre, waggoota soddoma biraa Aqiidaa jajjabaa dhiibaa yeroo keenya gubuu hinfeenu, kanaafuu Aqiidaa jajjabaa ta’e biyya keenya keessaa ni buqqifna. Biyya teenya hammayyoomsuudhaaf tarkaanfii barbaachisaa tahe hunda ni fudhanna” jechuun dubbate.

Haaluma kanaan Sa’uudiin ji’a dabre keessa dubartiin konkolaataa akka ooftu kan hayyamte yoo tahu, Iddoo bashannanaa dhiiraafi dubartiin wal keessa makamuun itti bashannanan ijaaruuf qophaayaa kan jirtu tahuu, Gabaasni Al Jaziiraa fii BBC irraa arganne kun ni ibsa. amma dura Prezdantiin Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogaan, “Wanti Moderate Muslim jedhamu hin jiru, Islaamummaan takka qofa” jechuun isaatis ni yaadatama.

Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page