Manni murtii Keeniyaa, lammiilee Itoophiyaa 137 tahan kanneen karaa seeraan alaatiin Keeniyaa seenan
- NuuralHudaa
- Nov 7, 2017
- 1 min read

Lammiileen Itoophiyaa kunniin daangaa Moyalee irraan karaa seeraa alaatiin Keeniyaa seenuun gara Afrikaa kibbaa imaluuf qophii irra kan turan. Haa ta'u malee magaalaa Naayiroobii iddoo Mihaangoo jedhamuutti mana jireenyaa tokko keessatti walitti qabamanii osoo jiran, Jimaata darbe to’annaa poolisa Keeniyaa jala kan Oolan tahuu gabaasni gaazeexaa biyyaatti Standard News irraa argame ni mul’isa.
Poolisni Keeniyaa namoonni lammummaa Keeniyaa qaban lama, Dajanee Chafuu Galee fi Cakoo Jiloo Hirboo jedhaman kan biyya irraa biyyaatti karaa seeraa alaatiin nama dabarsuu irratti bobba’an, kan namoota kana duuba jiran tahuu mirkaneefadhee jira jedhe.
Lammiileen Karaa seeraa alaatiin Keeniyaa seenanii to’annaa poolisaa jala turan kunniin, wixata kaleessaa manna murtii keeniyaatti dhiyaatun, adabbiin hidhaa ji'a 6 ykn ammoo adabbiin doolara Ameerikaa 300 kan isaan irratti murteeffame tahuu gabaasni VOA irraa argame ni addeessa.
Ji'a darbe keessaas iddoma walfakkaataa tahetti lammiileen Itiyoophiyaa 67 tahan kanneen Karaa seeraa alaatiin biyyattii seenan to’annaa jala ooluu gabaasni Standard kun ni mul’isa.
Comments