Mootummaan Itiyoophiyaa baqattoota Keeniyaa keessa jiran adamsaa akka jiru Dhaabbanni mirga namoomaa
- NuuralHudaa
- Sep 23, 2017
- 1 min read

Dararaa fi ajjechaa humnoota mmotummaa jalaa baqachuun, lammiilee Itiyoophiyaa baqattummaan Keeniyaa keessa jiraatan irratti, mootummaan Itiyophiyaa karaa adda addattiin dararaa irraan gayaa akka jiru dhaabbanni mirga namoomaa, “Human Right Watch” ibse. Dhaabbatichatti qorataan Ol’aanaan Baha Afrika Flex Horne akka jedhetti, mootummaan Itiyoophiyaa karaa Imbaasii isaa Naayiroobitti argamuun baqattoota biyya isaa irratti dararaa hammeessaa kan jiru ta’u beeksise.
Baqttoonni Keeniyaa keessa jiraata yeroo adda addaatti akka tumamanii fi ukkaamsaman akkanumass akka ajjeefamaa jiranis raga guutuu kan qabu tahu ibsi dhaabbatichaa ni mul’isa. Imbasanii Itoophiyaa Naayiroobii keessa jiru Poolisoota Keeniyaatiif maallaqa kennuun namoota kan hiisisu tahuu ragaaleen qabatamaa akka jiranii fi namootni hedduu barbaadaman ammooo humnoota tika Itoophiyaatiin ukkaamsuun gara biyyaatti kan darbaman tahuu beekameera.
Dhaabbanni mirga namoomaa “Human Right Watch”, Qorannoo isaa kanaan Poolisoota Keeniyaa akka dubbiseefi, yeroo gara garaatti Imbaasii Itoophiyaa irraa maallaqni isaaniif kennamee namoota hedduu akka hisisan amananiiru jedhe. Dabalataanis gochi akkanaa lammiilee Oromoo irratii kan fulleffate akka ta’es beekameera.
Dhuma irrattis “Human Right Watch”, Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti ejensiin baqattootaa Keniyaa keessatti argamu, lammiilee Itoophiyaatiif gaaffi Koolugaltummaa isaaniitiif deebii hatattamaa akka kennuufi eeggumsa gayaa akka isaanii godhu ibsa isaa kanaan gaafate.
Comments