top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Loltoonni Agaazii Magaalaa Amboo irratti haleellaa hammeesuun gabaafame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 26, 2017
  • 1 min read

Guyyoota lamaan dabran keessa poolisii fi hawaasni magaalaa Amboo Konkolaatota Sukkaara Kontrobaandii erga qabanii booda, loltoonni Agaazii hawaasa naannichaa irratti dhukaasa banuudhaan namoota heddu miidhan.

Kaleessa galgala irraa jalqabee ammoo waraanni Agaazii haleellaa baldhaa ta’e magaalattii irratti kan bane tahuu odeeyfannoon argame ni mul’isa. Keessumaayyuu ganama hardhaa loltoonni Agaazii kallattii hedduun gara magaalattii seenuun dhukaasa ummata irratti bananiin lubbuun namaa akka bahee fi namonni heddu ammoo kan madaayan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. itti gaafatamaan dhimmoota Kominikeeshiinii magaalaa Amboo obbo Gaaddisaa Dassaalenyi DW akka himetti, "dhukaasa kan hawaasa irratti bane loltoota Agaaziiti, namoota 10 ajjeessanii 20 ol madeessan" jedhe.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page