top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Manni murtii ol’aanaa Keenyaa ol iyyannaa guyyaan Filannoo akka jijjiiramuuf gaafatame osoo hin ilaa

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 25, 2017
  • 1 min read

Filannoon Prezdaantummaa Keenyaa irraa deebiin October26/2017tti geggeeffamuuf karoorfammee ture, kadhimamaa Paartii mormituu Raayilaa Odiingaa dabalatee, dhaabbileen adda addaa haalli adeemsa boordii filannoo yoo hin sirraayin guyyaan filannoo akka jijjiramu gaafachaa turaniiru.

Haaluma kanaan ol’iyyannoo mormitoonni siyaasa beekkamoon dhiheessan Manni murtii Ol’aanaa Keeniyaa Roobii har’aa ilaaluuf beellamee ture. Haata’u malee Manni murtii olaanaa Keeniyaa abbootiin murtii hundi dhaddacha irratti waan hin argamniif, dhimmicha ganama har’aa laaluu kan hin dandahin ta’uu beeksise. kanaafuu hanga guyyaa har’aa waaree boodaatti manni murtichaa dhimmicha kan hin ilaalle yoo tahe, filannoon boruuf beellamame ni adeemsifama jedhamaa jira.

Mormitoonni gama isaaniitiin guyyaa boruu uummanni bahee akka hin filanne waamicha dhiyeessaa jiru.

コメント


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page