top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Daangaa Biyya Maalii irratti loltoonni Nijeer 12 ajjeeffaman.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 21, 2017
  • 1 min read

Nijeer gama kibba Lixaa daangaa Maalii irratti hidhattoonni loltoota Nijeer 12 ajjeessuun, heddu ammoo madeessan. Hidhattoonni kunniin haleellaa kana kan dhaqqabsiisan, Sabtii ganama buufata waraanaa magaalaa Ayuuraa jedhamtu tan magaalaa gudditti Nijeer Niyaamii irraa 200 km fagaattee argamtu erga weeraranii booda.

Haaluma wal fakkaatuun Jalqaba ji’a kanaa keessa hidhattoonni naannoo kana keessatti riphan, loltoota Ameerikaa Afuri fi loltoota Nijeer ajjeesuun isaanii ni yaadatama.

Ministerri biyyaa Kessaa Muhammad Bazuum Sabtii har’aa ibsa AFP kenneen akka jedhetti “hidhattoota Nannichatti haleellaa geggeessuun loltoota 12 ajjeessan barbaadaa jira” jedhe.

Hidhaattoonni naannicha keessa socho’an maandheen isaanii Maalii keessa akka ta’e ogeeyyiin tikaa kan dubbatan ta’u gabaasni Aljaziiraa ni mul’isa.

Haaluma walfakkaatuun, Royters maddeen isaa waabeffachuun akka gabaasetti Hidhattoonni konkolaataa afuriin Maalii irraa gara daangaa Nijeer kan qaxxaamuran akka ta’eefi, qawwee gurguddaa konkolaataa irratti hidhamuu fi meeshaa Laawuncharii ittiin darbatan kan hidhatan tahu ibse. Naannoo daangaa Maalii fi Nijeer kana keessatti yeroo waggaa tokko hin geenneetti, hidhattoonni yeroo 46 ol haleella kan geggeessan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page