top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Kubeek Seera Niqaaba ugguru labsite.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 18, 2017
  • 1 min read

Seerri biyya Kaanaadaa kutaa Kubeekitti baye kun namni kamiyyuu tajaajila mootummaa argachuufis ta’ee kennuuf fuulli muldhachuu qaba jedha. Seerri kun bulichiinsa naannichaa qofa keessatti kan hujii irra oolu yoo tahu, manneen barnoota, mana yaalaa, tajaajila konkolaataa magaalaa keessaatiif kan kanniin fakkaatan argachuudhaafis ta’e kennuuf fuulli namootaa haguuggamuu hin qabu jedha.

Wixineen seera kanaa yeroo dheeraaf walfalmiisiisaa kan ture yoo tahu, keessattuu mirga dubartoota muslimaa kan dhiibu akka tahe gabaasni Aljaziiraa irraa arganne ni mul’isa. Yeroo dhihoo asitti dhiibbaan muslimoota irratti godhamu naannichatti kan dabalaa jiru akka ta’e lammiileen biyyattii komii qaban ibsaatu.

Shaheen Ashraf miseensa boordii mana marii dubartoota muslima Kanaadaa yoo tatu, Seerri kun kan muslimoota irratti xiyyeeffate waan ta’eef, gar malee kan isii dallansiisee fi kan muslimoota hunda jeeqe akka ta’e himte.

“Dubartoonni muslimaa sababa fuula isaaniitti uffataniif qofa, konkolaataa ummataa hin fayyadamtan; tajaajila kamuu hin argattan jechuun, muslima waan ta’aniif qofa mana hin bayinaa jechuun alatti ergaa biraa hin qabu” jette. Ogeeyyiin seera Kanaadaa labsiin kun heera biyyattii “mootummaan Amantii hundaa walqixxummaan ilaaluu qaba” jedhu kan cabsu akka tahe dubbatu.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page