top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mudannoo Ajaa’ibaa dubartii Niqaaba uffattu mudate.

  • Abuu Ibtisaam
  • Dec 4, 2016
  • 1 min read

Biyyoota garagaraa keessatti dubartoonni niqaaba uffatan dararaa guddaa dhandhamaa jiru. Garii isaanii irraa niqaaba mulqu. Biyya garitti ammoo maaliif uffattaniif adabamu. Kan Ingiliiz irraa dhagahame ammoo ka ajaa’ibaati.

Ummu Abdallaah jedhamti. Niqaaba ofii uffattee Baaburaan gara bakka haajaa isii deemaa turte. Bakka teettee jirtu sanitti waan ajaa’ibaatu isii mudate. Waan isii mudate akkanatti ibsiti



“Namittiin takka na dura teettee ija keessa na ilaalti. Haala kanaan namoonni yoo na laalan xinnoo isii nin cinqama. Yeroon gara isii ilaaluuf ta’u fuulaan narraa garagalti. Silaa itti seeqadhee cinqaa nu jidduu jiru furuu barbaadeeyyu. Isiin garuu adaduma an itti garagaluun narraa garagalti.Osoma haala kana keessa jirruu, bakka haajaa teenyaa geenyaan, Baabura irraa bu’uuf dhadhaabbanne. Yeroo kana isiinis ol kaate, natti as dhihaachuun waraqaa takka natti kennite. Waraqaa kana banuun heddu natti ulfaate. Haa ta’uu eega na harka seenee banuun dirqama natti ta’e. Yoon waraqaa adda banu ija tiyyaan amanuu dadhabe. Waan haga har’aa arge keessaa, jechoota 15 kan akkaan babbareedoo fi jaalatamoo ta’an ijaan arge” jette.



Dhuguma yeroo dubartoonni keenya haala hamaa keessa jiran kana keesatti, Namoota qalbii qulqulluu qaban, kan nama hunda walqixaan laalan ijaan arguun akkaan nama gammachiisa.



Xalayaan Ummu Abadallaaf kenname akkana jedha, “ Akkuma Addeessi guutuun halkan samii keessaa bareedutti, atis Niqaaba kee keessatti bareedda, Alice”

Ummu Abdallaah fuula FaceBook isii irratti akkana jechuu xumurte, “Addunyaa Cinqii, waraanaa fi Wal dhabdeen guutamte tana keessaa nama akkanaa arguun, if duraaf abdii wahii akka qabaannu nu taasisa. Rabbi namitti (Alice) xalayaa tana natti kennite karaa islaamummaatti haa qajeelchu. Anaaf Isiillee sababaa godhee, Rabbi addunyaa tanaa nagaya haa buusu” jettee xumurte.


NuuralHudaa Soora Qalbii Muslimaa www.nuuralhudaa.com


 
 
 

Komentar


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page