top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Manni Murtii Awrooppaa, Seera Niqaaba ugguru kan mootummaan Beljiyeem labse kan deeggaru tahuu ibse.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jul 11, 2017
  • 1 min read

Bara 2011 keessa mootummaan Beljiyeem, seera dubartoonni muslimaa niqaaba akka hin uffane jedhu labsee ture. Dubartoonni lammummaa Beljiyeem qaban lamaaf, Dubartiin lammii Morokoo kan Beljiyeem keessa jiraattu takka, Seerri kun kan mirga dhuunfaa fi amantaa keenya sarbe jechuun mana murtii mirga namoomaa Awurooppaatti iyyatan. Manni murtii Mirga Namoomaa Awurooppatis, labsiin mootummaan Beljiyeem bara 2011 baase sun kan mirga dhuunfaa fi maatii ykn kan ummata muslimaa irratti dhiibbaa umuu miti; jechuun kan deeggare tahuu gabaasni Anadolu News irraa argame ni addeessa. Manni murtii Awurooppa; uggurri kun " Kan tokkuummaa hawaasaa, mirgaa fi Fedhii namoota biroo kabajsiisu akkasumas kan ummata Dimokraatawaa keessatti jajjabeeffamuu qabu" jechuu isaa gabaasni kun ni mul'isa. Biyyoota Awurooppaa keessaa Faransaay biyya yeroo jalqabaatiif Muddee bara 2011 dubartoonni muslimaa akka niqaaba hin uffanne uggurte yoo taatu, Beljiyeemis, Faransaayitti aanuun Adoolessa 2011 uggura kana labsite. ________ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page