Guutuu Suuriyaatti waraanni hammaataa jiraatuun gabaafame.
- NuuralHudaa
- Oct 6, 2017
- 1 min read

Waraana cimaa naannoolee Suuriyaa keessatti akka haarayaatti hammachaa dhufeen, namoonni heddu midhamaa jiraachuu gabaasni dhaabbata Fannoo Diimaa Addunyaa (ICRC)beeksise. Gabaasni Khamiisa har’aa dhaabbatichaa irraa bahe akka mul’isutti, guyyoota kurnaan dabran keessatti qofa suuriyaa keessatti Hospitaallonni 10 barbadaayaniiru.
Suuriyatti Itti gaafatamtuun dhaabbatichaa, Mariyan Gasser akka himtetti:” Torbaan lamaan dabran kana keessa lolli cimaa ta’ee naannoolee akka Raqqaa, deeyrazuur fi idliib keessatti geggeefameen namoonni heddu miidhamaniiru. Isaan keeysaayis maatiin miseensaa 12 qabu waraana kana jalaa osoo baqataa jiraan namni 12 kan jalaa dhumate keessatti argamu” jechuun ibsite. Kaampiileen baqattootaa naannichatti argaman guyyatti namoota 1,000 ol simaataa akka jiran gabasni kun ni mul’isa.
Haaluma walfakkaatuun lola mootummaan Suuriyaa mormitoota irratti akka haarayaatti jabeesse kana, waraanni Ruusiyaas garagaaraa akka jiru beekame. Ganama har’aa markaboonni waraana Ruusiyaa lama galaana meeditiraniyaa irraa misaayila kudhan gara kutaa mormitoonni to’atanitti kan darbatte tahuu gabaasni Aljaziiraa irraa argame ni addeessa. Gareen mirga namoomaa Suuriyaa “Syrian Observatory for Human Rights” jedhamu guyyoota 10 Fulbaana 26-Onkololeessa 4/2017tti ijoollee 45 fi dubartoota 46 dabalatee namoota 185 kan ajjeefaman galmeessuu beeksise.
Comments