top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Itoophiyaan intarneetii cufuu isiitiin doolaara miliyoona 130 dhabde

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 30, 2017
  • 1 min read

Itoophiyaan tajaajila intarneetii guyyoota 36'f wayita cuftetti, galii doolaara miliyoona 130 ol dhabuu isii dhaabbanni walta'iinsa Imaammata Ragaa Teeknoolojii biyyoota Bahaa fi Kibba Afrikaa beeksise.

Qorannoon dhaabbatichaa akka mul’isetti, Itoophiyaan guyyoota 36 intarneetii itti cuftetti, guyyaa tokkotti doolaara miiliyoona 3.4, akkasumas Appilikaashiinoota ergaa itti walii dabarsan uugguruu isiitiin guyyatti doolaara kuma 870 ol dhabaa turte.

Bara 2015 kaasee biyyootni gaanfa Afriikaa sababii gara garaatiif intarneetii cufuun isaanii, galii doolaara miliyoona 237 ol akka dhaban taasise. Itoophiyaatti intarneetiin guutummaatti kan cufame tibba qormaata biyyaalessaa akka qormaanni hatamee hin baane dhorkuuf jecha cufamee ture.

Biyyoota mormiiwwan motummaa irratti ka'een intarneetiin itti cufame keessaa Itoophiyaan tokko yoo taatuu, biyyoonni akka Burundii, Ripaabliika Jiddu gala Afrikaa, Kaameruun, DR Kongoo, Maalii, Niijeer fi Toogoonis kankeessatti argaman tahuu gabaasni BBC ni mul'isa.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page