top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Intarneeta cufuun, odeeyfannoo dhoysuu caalaa diinagdee biyyattii miidhutti jira.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 20, 2016
  • 1 min read

Gaazeexaan Quartz Africa jedhamu gabaasa guyyaa kaleessaa dhiheesse irratti "Qorannoon labsii mootummaan Ityoophiyaa labse irratti geggeeffame akka agarsiisutti, labsiin kun Irra caalaa dinagdee biyyatti irratti miidhaa guddaa uumee jira" jechuun gabaase.


Mootummaan Ityoophiyaa Intarneeta irraa galii doolaara miliyoonaan tilmaamamu kan argatu yoo tahu, labsii yeroo muddamaa labseen akka ummanni odeeyfannoo waliif hin dabarsineef tajaajila interneetaa guutuu biyyattiitti cufee jira. kun immoo odeeyfannoo ummanni waliif dabarsaa jiru daangessuun caalatti, dinagdee biyyattii irratti dhiibbaa guddaa ummeera jedhu qaamonni qorannoo labsii kana irratti geeggessan.


Mootummaan Ityoophiyaa bara kana keessaa qofa naannoo Oromiyaa Irraa yeroo 4 ol tajaajila Interneetaa kan cufe tahuu gabaafameera. Fincila yeroo ammaa biyyatti keessatti ka'een mootummaan tajaajila Intarneeta Mobaayilaa kan addaan kutee jiru yoo tahu, yeroo kana keessatti mootummaan doolaara miliyoonaan tilmaamamu dhabe jechuun gaazexaan kun gabaase.



Gabaasa kanaan dura Dhaabbanni BROOKING jedhamu dhiheesseen, mootummaan Ityoophiyaa waggaa dabre July 1- June 30/2015 tajaajila Interneeta Biyyatti keessatti kan cufe yoo tahu, turtii guyyaa 30 keessatti doolaara miliyoona 8.5 dhabeera jechuun gabaase.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page