top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Sababa Intarneetii uggurameef kasaaraan doolaara miliyoona 8.5 mudatu gabaafame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 6, 2016
  • 1 min read


Itiyoophiyaa keessatti yeroo adda addaatti tajaajilli Intarneetii ugguramuu irraan kan ka’e guddina diinagdee biyyatti irratti dhiibbaan guddaan mudata jira jechuun dhaabbanni The Brooking Institute jedhamu gabaasa dhiheesse irratti ibse.


Akka gabaasa dhabbatichaatti "Adoolessa 1/2015- Waxabajjii 30/2016 biyyattii keessatti sababa adda addaatiin mootummaan tajaajila Intarneetaa ugguraa turuu ibsuun, yeroo kanatti immoo mootummaan doolaara Ameerikaa miliyoona 8.5 kan kasaare yoo tahu , kasaaraan kun immoo kan osoo labsiin yeroo muddamaa hin labsamin dura mudate tahuus beekameera. Haata'uu malee ugguriinsi kun sababa fincila naannoo Oromiyaatti kahe too'annaa jala oolchuu jedhuun hanga ammaatti kan itti fufe yoo tahu, kun immoo diinagdee biyyattii irratti dhiibbaa guddaa kan uume tahuu ibsameera.


Dhaabbileen miti mootummaa fi Imbaasiiwwan biyyoota alaa biyyatti keessatti argaman sababa tarkaanfii mootummaan fudhateen hojii isaanii sirnaan geggeeffatuu kan hin danda'in tahuu ibsataa turaniiru.


Dhaabbanni kun Itiyoophiyaa fi biyyoota 19 kan biroo irratti woggaa dabre irraa jalqabe qorannoo kan geggeessaa ture yoo tahu sababa ugguriinsa tajaajila Intarneetaatiin kasaaraan doolaara Ameerikaa biliyoona 2.4 kan mudate tahuus gabaasee jira.


Dhaabbileen Teknolojii waliin walittti hidhata qabanis sababa kanaatiin kasaaraa guddaa keessa kan jiran tahuu fi manneen daldalaa akkasumas iddoowwan ummataaf tajaajila adda addaa kennanis sababa kanaatiin hojii isaanii irratti dhiibbaan mudatuu ibsataa jiru.


コメント


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page