top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Ameerikaa kutaa magaalaa Los Anjeles keessatti Ibiddi qabate.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 4, 2017
  • 1 min read

Hojjattoonni balaa ibiddaa magaalaa Los Anjeles ibidda naannawa magaalattiitti ka’e dhaamsuuf tattaaffii cimaa godhaa jiru. Seenaa magaalaa Los Anjeles keessatti balaa ibiddaa isa guddicha jedhame kanaan hanga ammaatti namoonni 1400 ol manneen isaanii gadi dhiisuun baqataniiru.

Kantiibaan magaalaa Los anjeles balaa ibiddaa kana too’annaa jala olchuuf dhihaannee jira yoo jedhes, bubbee cimaa bubbisaa jiruun ammas ibiddichi to’annaan ala bayuu mala sodaan jedhu akka jiru Aljaziiraan gabaase.

Ibiddi Jimaata dabre ka’e kun hanga ammaatti lafa hektaara 2400 ol kan barbadeesse yoo tahu, hanga guyyaa Alhadaatti dhibbeentaa 30 qofti kan too’atame tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

Bulchaan Kutaa Kaalifoorniyaa Jerry Brown, naannawa Los Anjalasitti labsii yeroo muddama kan baase yoo tahu mootummoonni naannootii fi Fediraalaa akka isaanii birmatan gaafate.

Bara kana ji’a ammajjii irraa jalqabee hanga ammaatti, dhiha yunayitid isteets keessatti qofa, lafti hektaara milliyoona 2.9 ol barbaadaayuu gabaasni Ejensii to’annoo balaa ibiddaa irraa bahe ni addeessa.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page