top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Dubartiin muslimaa Lammii biyya Biriteen taate tokko magaalaa Niwuyoork keessatti ibiddaan gubamte.

  • Odeeyfannoo
  • Sep 14, 2016
  • 1 min read

Magaalaa Niwuyoork keessatti dubartii muslimaa lammii Biriteen tokko hijaaba uffattee dukkaana irraa osoo waa bitataa jirtuu humnoota dhiphoota jibbaansa Islaamummaa oofaniin gubamte.

Poolisiin Niwuyoork kan dhimma kana qorachaa jiru yakka suukaneessaa jibbaansa calanqisiisu raawwatame jedha.

Dubbii himaan mana marii Islaama Amerikaa akkas jedha " Haalli siyaasaa yeroo ammaa jiru gocha akkasii kanaaf akka saaxilaman taasisaa jira, Ji'a dabre keessa Magaaluma kanatti Imaamnii fi gargaaraan isaa tokko ajjeefamanii jiru, haata'u malee qorannon jibbaansa Islamummaa irratti geggeeffamaa jiru kana qoratuuf godhame hin jiru'' jechuun balaaleffate.

Bulchaa magaalaa Niwuyoork kan tahe Bil de Bilasiyoo hawaasa muslimaa magaalattii tasgabbeessuufi nagaa masjiidotaa eegsisuuf poolisoota dabalataa naannawa masjiidaatti ramadamuu qabu jedha.

Gabaasni kun kan Sky News.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page