top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Kaampiin Baqattootaa kan biyya Faransaay Keessatti argamu tokko ibiddaan gubate.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Apr 11, 2017
  • 1 min read

Kaampiin kun Grande-Synthe jedhama. Baqattoonni 1,500 ol tahan kaampii kana keessa qubatu. Akka poolisiin faransaay jedhetti, walitti bu’iinsa baqattoota Afgaanistaaniifi Kurdistaan jiddutti uumameen ibiddi kun qabachuu dandahe. Balaa ibiddaa kanaan namoonni haga 10 miidhamanii jiru.

Gabaasni poolisii akka ibsutti, Kaampii kana keessatti baqattoonni yeroo heddu wal dhabu; sababaa kanaaf kaampichi akka diigamu ji’a dabre keessa murteeffamee ture.

“Qubsumni baqattootaa manneen kaampicha keessa turan hundi ibiddaan barbadaawanii jiru. wanti hafe daaraa ibiddaa qofa. Amma booda manneen duraan turan deebisanii ijaaruun hedduu rakkisaadha”

Bulchaa kutaa Noord, Mikaa’el Lalande

AFP'n Poolisaa fi jiraattota naannaawa sanii wabeeffatuun

"Lakkoofsi baqattoota Afgaanistaanii waan heddummaataa dhufeef, baqattoota Kurdii kan Kaampii kana keessa waggaa dheeraaf jiraataa turan irratti Sodaa guddaa uume" jechuun gabaase.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page