top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii UN, Baangiladesh daangaa isii Muslimoota Rohiingaatiif akka bantu

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Aug 29, 2017
  • 1 min read

Dhaabbileen mirga namoomaa, duguuggaa Sanyii muslimoota Rohiingaa irratti waraanni Miyamar dhiheenya kana raawwate erga gabaasaniin booda , Barreessaan dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Antoniyoo Guterres, Dhaabbileen gargaarsaa, deeggarsa hatattamaa akka godhan gaafatuun; Dhaabbatichis dhiima kan Xiyyeefannaan kan hordofu tahuu beeksiise.

Barreessaan UN Antoniyoo Guterres , Mootummaan Baangilaadesh muslimoota Kutaa Rakhayin irraa baqataniif deeggarsa namoomaa akka godhu hubachiise.

Dhaabbatichi ibsa guyyaa kaleessa baase irratti; Namoonni qe’ee isaanii lakkisaanii baqatan kunniin hedduun isaanii daa'immanii fi dubartoota yoo tahan, gariin isaanii ammoo kan miidhaman tahuu ibsuun, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa barbaachisu hunda godhuuf qophiidha" jedhe.

Gareen mirga namoomaa Rohingaa gama isaatiin, duguuggaa Sanyii raawwatame kanaan, muslimoonni Rohingaa kumaatamaan lakka'aman ajjeefamuu ibse.

Odeeyfannoo walfakkaatuun Ejansiin mirga namoomaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii ibsa guyyaa hardhaa magaalaa Jenevaa irraa baseen, " Mootummaan Baangilaadesh namoota duguuggaa sanyii Miyaanmaritti raawwatama jiru baqataniif daangaa isaa akka banu" jechuun gaafate.

Koomishinerri ol’aanaan mirga namooma dhaabbatichaa kan tahe Zeeyid Ra'ad Al Huseen ibsa kenneen "Duguuggaa sanyii dhiheenya kana qofa raawwatameen, muslimoonni Roohingaa 8,700 qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru, gocha gara jabeenyaa hamaatu muslimoota Roohingaa irratti raawwatamaa jira" jedhe.

_ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page