top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Ummanni magaalaa Roobee Baalee ummata Daawwe Sarariif gargaarsa adda adda walitti qabe

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 30, 2017
  • 1 min read

Godina Baaleetti ummanni Daawwee Sarar waraana liyyuu poolisii naannoo Somaaleetiin sababa marfamanii fi rakkinni nyaataa kan isaan qunname tahuu ummata Magaalaa Roobeetti kan iyyatan yoo tahu, ummanni Roobeetis Jum'aa har'aa December 1/2017 Masjiidota hunda keessatti gargaarsa bifa addaa addaa kan walitti qaban tahuu gabaasni arganne ni mul'isa.

Haaluma kanaan midhaan nyaataatii fi Maallaqa walitti qabaa kan oolan tahuun beekameera. Akka gabaasni naannawarraa arganne ibsutti, ummanni magaalaa Roobee hamilee oowwaan deeggarsa kanarratti hirmaataa kan jiru yoo tahu, lammii keenya kan daangaa eegaa jiru gama hundaan bira dhaabbachuu qabna jechuun kan socho'aa jiran tahuu gabaasni kun ni mul'isa.

Masjiidota guyyaa har'aa gargaarsi keessatti walitti qabame jidduu, Masjida Hamzaa, Masjida Nuur, Masjida Zunnuureyni fi Masjida Abuu Bakrii yoo tahan, akkasumas msjiidota biroo heddu irraa gargaarsi guddaan kan argame tahuu maddeen nuuf gabaasan.

Haluuma walfakkaatuun masjiidoota hunda irraa lammiilee Oromoo Naannoo Somaalee irraa buqqa'uun Daawwee Sararitti argamaniifis deeggarsi kophatti walitti qabamuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page