top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Yuunivarsitiiwwan adda addaa keessaa barattoonni Mooraa Yuunivarsitii lakkisaanii bahaa jiru.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 30, 2017
  • 1 min read

Qajeelfama ministeerri barnootaa ji'a darbe keessa baase kan "Barattoonni digrii jalqabaa eebbifamuun duratti qormaata fudhatuu qabu" jedhu barattoonni mormaa jiru. Qajeelfamni kun Yuuniversiitwwan heddu keessatti hojii irra akka ooluuf beeksisni maxxanfamuu kan jalqabe yoo tahu, Barattoonni Yuunivarsitii Jimmaa guyyoota sadihiif barnoota addaan kutuu isaanii barataan bilbilaan dubbisne nuuf hime.

Akka barataan kun nuf himetti, qajeelfama haarawa kana irratti barattoonni Qorumsa COC akka fudhatanii fi qormaata kan yoo kan hin dabrine ta'e immoo "Advance diploma" Eebbifamu kan jedhu mormuun hiriira baane jedhe.

Barattoonni Yuuniverstii Jimmaa guyyaa 3 guutuu mormii dhageessisaa kan turan akka tahee fi guyyaa kaleessaa qajeelfamni kun kan hin hafne akka ta'e,Bulchiinsi Yuunvarsitii kan isaan beeksise tahuu barataan kun nuf hime. Kana booda Barattoonnis walii galuun "hanga deebisaan gaaffii keenyaa nuuf deebi'utti hin barannu" jechuun kan waliigalan akka ta'ee fi guyyaa kaleessaa a barattoonni mooraa akka hin baane dhoorkuun, poolisoonni naannoo Oromiyaatii fi kan Federaalaa tarkanfii humnaa kan isaan irratti fudhatan tahuus barataa kana irraa hubatuun danda’ameera.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page