top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Godina Harargee Bahaa Aanaa Gursuumitti Waraanni Liyyuu Poolisii Naannoo Somaalee Haleellaa raawwate

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 30, 2017
  • 1 min read

Haleellaa Waraanni Liyyuu Poolisii Araaddaa Kaasaa Oromiyaa jedhamu keessatti guyyaa kaleessaa raawwate kanaan, Bulchaa gandaa dabalatee namootni lama akka madaayanii fi namoonni 6 ammoo ajjeefamuu maddeen naannawa irraa nuuf gabaasan.

Akka namni naannawa san irraa bilbilaan dubbisne nuuf himetti, haleella waraana Liyyuu Poolisii naannoo somaalee kana qolachuuf poolisoonni Oromiyaa tarkaanfii fudhataniin, waraana Liyyuu Poolisii irraa loltoonni 6 kan ajjeefaman akka tahee fi Poolisii Oromiyaa irraallee namni jaha kan ajjeefaman tahuu nuuf hime.

Liyyuu Poolisiin naannoo somaalee yeroo ammaa kana jiraattota aanichaa keessaa, namoota ummata biratti fudhatama qaban ajjeessuudhaaf xiyyeeffatanii socho'aa kan jiran tahuu gabaasni naannawa irraa arganne ni ibsa.

コメント


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page