top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Miseensonni Koree Furmaata barbaadduu hawaasa Muslimaa hidhaa irraa hiikaman Haala Fayyaa Ustaaz Ahm

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 27, 2017
  • 1 min read

Miseensonni Koree Furmaata barbaadduu hawaasa Muslimaa badii tokkoon alaatti hidhaan dararamaa eega turanii booda, mootummaan ofumaa isaan hidhee ture dhiifama Isiniif godhe jechuun hiike, haala fayyaa Ustaaz Ahmaddiin Jabalii fi Obboleeyyan isaan waliin hidhamanii hanga ammaatti manuma hidhaa keessa jiran ilaalchisee guyyaa kaleessaa November 26/2017 ibsa basaan.

Ibsa isaanii kanaan , haala fayyaa Ustaaz Ahmaddiin Jabalii fi hidhamtoota manneen hidhaa keessa jiran irratti kan xiyyeeffate yoo tahu, haalli qabatamaa manni hidhaa fayyaa hidhamtootaa ittiin keessumeessaa jiru, kan seera biyyattii irratti kaahameen kan wal hin madaallee fi sababa amantaa isaaniitiif dhiibbaan kan isaan irratti godhamaa jiru tahuu fi mootummaan rakkoo kana hordofuun furmaata hatattamaan akka kahuu qabu ibssame.

Miseensota koree furmaata barbaadduu hawaasa Muslimaa hidhaa irra jiranii fi lammiilee sababa adda addaatiin hidhamaniif mootummaan eeggumsa fayyaa gahaa ta'e akka godhuufis gaafataniiru.

Miseensonni koree fi Obboleeyyan biroo kan sababa gaaffii mirga amantaa hawaasni muslimaa kaaseen hidhamanii hiikaman hundi, dhimma namoota hidhatti hafanii fi rakkoowwan jiran karaa nagayaatiin furuuf i tattaaffii godhaa turan ammas kan itti fufanii jiran tahuu ibsaaniiru.

Dhuma irrattis mootummaaf dhaamsa lama dabarsaniiru.

1ffaa Gaaffiin nutis tahee hawaasni muslimaa kaasne gaaffii qulqulluu mirga amantaa akka tahee fi akkasumas miseensonni Koree kanaa hidhaa irratti argaman yakka irraa qulqulluu tahuu.

Dhaamsi lammaffaan immoo Ustaaz Ahmaddiin Jabal bakka bu'aa ummataa tahu. Nama ummanni gaafii mirgaa qabuuf bakka buufate ta'ee osoo jiru, badii tokko malee kan hidhame tahuu mootummaan akka hubatuu qabu akeekkachisaniiru.

Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page