top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Qondaalli Tika U.A.E. tokko gamtaan waraana biyyoota Arabaa dhaabbata Miidiyaa Aljaziiraa akka halee

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 26, 2017
  • 1 min read

Ajajaan poolisii Dubaay Daahii Khalfaan "haleellaa Jum'aa Masjiida masrii irratti geggeeffame kan kakaase, dhaabbata miidiyaa shoroorkeessitootaa Aljaziiraa waan taheef, waraanni gamtaa biyyoota Arabaa miidiyaa kana haleeluu qaba" jechuun toora Tiwiiterii irratti barreeesse. Hujii geggeessaa Aljaziiraa kan tahe Yaasir Abuhilalah dhimma kana ilaalchisee akka jedhetti , Qondaalli mootummaa U.A.E. Dhaabbanni miidiyaa Aljaziiraa akka haleelamu waamichi dabarse wanta salphatti ilaalamu akka hinta'in ibsuun, balaa dhaabbaticha fi hojjattoota isaa irra gayuu malu hundaaf mootummaan U.A.E gamanumaa kan itti gaafatamu tahuu ibse. Mr Yaasir ibsa isaa kanaan "Shororkeessummaaf kakaasuu jechuun waamicha qondaalli mootummaa U.A.E. amma dabarse kana; dhaabbatni miidiyaa akka haleelamu waamicha dabarsuun mataan isaatuu shororkeessummaadha" jechuun ibse. Daahii Khalfaan yeroo hedduu yaada akkaanaa kennuun kan beekkamu yootahu, kanaan dura "Ameerikaan lammiilee biyyoota muslimaa gara biyya isii akka hin seenne ugguruun tarkaanfii sirriiti" jechuu isaa gabaasni arganne ni mul'isa.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page