Search
Robert Mugaabeen taayitaa gadi hin lakkisu jedhe
- NuuralHudaa
- Nov 19, 2017
- 1 min read

Prezdaantiin Zimbaabwee Robert Mugaabeen galgala hardhaa TV biyyattii irratti dhiyaatuun, taaytaa kan hin lakkisne tahuu dubbate.
Guyyaa har'aa paartiin isaa Zanu-PF prezdaanticha hooggansa paartii irraa eega kaasee booda, sa'aa 24 keessatti prezidaantummaa akka lakkisu ykn immoo seeraan kan irraa mulqamu tahuu ibse. Mugaabeen ammoo ajaja paartichaa dideera. waan itti aanus hordofnee isinii dhiheeysina in shaa ALLAH.
Comments