Haleellaan Boombii Magaalaa Kaabul keessatti raawwatame, lubbuu namootaa 10 ol galaafate.
- NuuralHudaa
- Nov 16, 2017
- 1 min read

Haleellaa boombii Hoteelaa magaalaa Kaabul kessatti argamu irratti xiyyeeffatuun raawwatame, yoo diqqaate luubbuu namoota 10 kan galaafate tahuu, aangawwoonni nageenya Afgaanistan beeksisan. Haleellaan kun kan raawwatame Khamiisa har'aa yoo tahu, namoonni ajjeeffaman irra hedduun isaanii Poolisoota akka tahan gabaasni arganne ni mul'isa.
Dubbi himaan Poolisa Afgaanistaan Baasir Mujahid, Anaadooluu Niwuusiif akka himetti, namichi boombii hidhate tokko gara Hoteela Qasr-e-Naveen jedhamuu seenuuf yeroo yaletti, poolisootaan waan qabameef, battalumatti boombicha dhoosuun, poolisoota torbaa fi namoota biroo lama ajjeessuun, poolisoota biroo torba ammoo madeesse.
Yeroo haleellaan kun raawwatametti,Hogganaa Paartii mormituu " Jamiat-e-Islami" fi Bulchaa Kutaa Balkh kan tahe Atta Muhammad Nuur, Hoteela kana keessatti walgahii siyaasaa irra akka ture gabaasni kun ni ibsa. Haleellaa kana hanga ammaatti qaamni itti gaafatamummaa fudhate kan hin jirre tahuu gabaasni kun ni mul'isa.
Comments