Itoophiyaan Biyyoota Interneetii ugguran keessaa sadarkaa lammaffaa irra kan jirtu tahuun ibsame.
- NuuralHudaa
- Nov 15, 2017
- 1 min read

Dhaabbanni "Freedom House" gabaasa isaa kan waggaatiin Itoophiyaan Interneetii ugguruu fi walqunnamtii lammiilee biyyattii basaasuudhaan Chaayinattii aanuun sadarkaa lammaffaa irra kan jirtu tahuu ibse. Friidom Haawus gabaasa isaa kanaan biiyyoota addunyaa 65 kan dhiheesse yoo tahu, Itoophiyaan biyyaa garmalee walabummaan lammilee itti dhiphataa dhufte jechuun ibse.
Friidom Haawus gabaasa waggaa isaa mata duree ''Miidiyaalee hawaasaa danquun dimokraasii irratti dhiibbaa uumuu'' jedhuun kan baase yoo tahu, Itoophiyaa ilaalchisee Mootummaan Itoophiyaa naannoolee gaaffii mirgaa kaasan keessattuu naannoo Oromiyaatti tajaajila interneetii ni cufa; Miidiyaalee hawaasaatii fi Appilikeeshiinota akka hin hojjanne godha akkasumas Weebsayitoota waa'ee siyaasaa gabaasan cufaa tureera jechuun tarreesse.
Gabaasni Firiidom haawus kun akka mul'isetti, Mootummaan Itoophiyaa dhaabbata tajaajila interneetii fi bilbilaa kennuu ofii isaatii kan dhuunfate yootahu, Seera itti fayyadamaa isaa garmalee hamaa ta'e baasuun, lammiilee biyyattii ittiin dararaa kan jiru ta'uu beeksise. Haaluma walfakkaatuun tajaajila bilbilaa yeroo barbaadetti akka cufuu fi akka samus haasawa lammiilee kan butu akka ta'e beeksise.
Comments