top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Qondaalli U.N. Yaman Beela Hamaaf kan Saaxilamaa jirtu tahuu Akeekkachiise. Odeeyfannoo

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 9, 2017
  • 1 min read

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Itti aanaa dhimmoota Namoomaa kan ta'e, Mark Lowkok, Gamtaan Waraana Biyyoota Arabaa Sa'udiin durfamuu uggura Yaman irra kaayan akka kaasan gaafate.

Misaa'ila gareen Husii gara magaalaa Riyaad darbatan hordofuun, gamtaan waraana Sa'udiin hoogganamuu, daandiiwwan Qilleensaa, Galaanaa fi Lafaa gara Yaman seensisan hunda cufuu beeksise. Sa'udiin daandiiwwan hundaa kan cufteef, Misa'ela dabalatee Meshaaleen waraanaa Iiraan garee Husiif ergitu dhaabsisuuf akka ta'e beeksifte.

Iiraan gama Isitiin meeshaa waraanaa kamiyyuu finciltoota Huusii kan hin hidhachiisin tahu dubbatte.

Mark Lowkok Roobii kaleessaa uggura Yaman irra kaayame ilaalchisee mana marii nageenyaa mootummoota gamtoomaniitiif eega ibsa kenneen booda, repoortarootatti yemmuu dubbatu "uggurri Yaman irra kaayame hatattamaan yoo hin ka'in, beelli haman kan uumamu ta'uu mana marichaatiif ibsee jira" jedhe.

"beelli uumamaa jiru ammoo kan lubbuu miiliyoonotaa balleessu fi beela addunyaan woggoota dheeraa asitti hin argin" tahuu beeksise.

Jalqaba torbaana kanaa, U.N. fi Dhaabbanni Fannoo Diimaa ibsa waliin baasaniin lammiilee Yaman kanneen gargaarsaa harkaa gara afaaniitiin jiraataa turan irraa dhaabuun balaa daangaa hinqabne kan dhaqqabsiisu tahuu akeekkachiisan.

Dhaabbanni Fannoo diimaa dawaan lammiilee Yamaan 900,000 ol tahan kanneen dhibee koleeraatiin qabaman waldhaanuuf garasitti fe'ame, biyyattii osoo hinseenin kan uggurame tahuu beeksise.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page