top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Himannaa Sa'uudii hordofuun Ameerikaan Iiraan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu Dhaabbata Moot

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 8, 2017
  • 1 min read

Hidhattoonni Huusii Misaa'ila Baalastikii Yaman irraa gara Magaalaa Riyaaditti darbachuu isaani hordofuudhaan, mootummaan Sa'udii Misa'illi Sun kan Iiraan ta'uu ibsuuun, Iiraan hidhattoota husii waliin biyya isaanii irratti waraana kan bante ta'uu beeksise.

Waldhabbiin Sa'udii fi Iiraan jidduu ture, yeroo irraa gara yerootti kan hammaachaa dhufe yoo ta'u, Ilmi Malik salmaan Mahammad Bin Salamaan guyyaa kaleessaa akka jedhetti; Iiraan garee Husii Misaa'ila hidhachiisuun ifatti Sa'udii waraanuu kan jalqbde tahuu beeksise.

Kanuma hordofuun, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Ambaasaadariin Ameerikaa Niikii Heelii, dhaabbatichi Iiraan irratti tarkaanfii akka fudhatu gaaffatte. Ms Heeliin ibsa isiitiin " Iiraan kanaan duras ji'a July keessa Misaa'ilii Hidhattota Husiitiif kaleessuudhaan gara Sa'udii darbatte. Ammas haaluma walfakkaatuun itti fufuudhaan, Seera idil addunyaa cabsaa jirti" jette.

Ambaassadar Heeliin itti dabaluudhaan, Seera addunyaa cabsuu isiitiif akka itti gaafatamummaa fudhattu, U.N. fi biyyoonni michuu Ameerikaa hundi Iiraan irratti tarkaanfii akka fudhatan ni gafanna jechuun beeksifte.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page