top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Gareewwan mirga namoomaa, seera Niqaaba ugguru kan Bulchiinsi Kubeek baase mormuun Mana Murtiitti  m

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 8, 2017
  • 1 min read

Gareewwan mirga namoomaa fi walabummaa Kanaadaa , seerri Niqaaba ugguru kan bulchiinsi kutaa Kubeek baasee ture, mirga dubartoota Muslimaa kan cabse jechuun mana murtiitti mormii seeraa irratti banan.

Manni marii biyyoolessaa Muslimoota Kanaadaa dhaabbata "Canadian civil liberties Association" jedhamu waliin tahuudhaan, mormii seeraa Mana Murtii Ol'aanaa Kuubeekitti kan galchan tahuu beekameera.

Seerri bulchiinsi Kubeek ji'a lamaan dura baase kun, "Namni kamiyyuu tajaajila mootummaa argachuufis ta'ee kennuuf fuulli issaa muldhachuu qaba" kan jedhu yoo tahu, erga seerri kun labsamee asitti guutuu Kanaadaa keessatti walfalmii cimaa hordofsiiseera. Mormitoonni Seera kanaa akka jedhanitti, labsichi mirga amantaa fi walqixxummaa heera Kanaadaa irratti labsame kan cabsuu fi dubartoota muslimaa dhiibuu irratti kan xiyyeeffate waan tahe'eef, kutaalee biyyatti kamiyyuu keessatti hujii irra akka hin oollee jechuun gaafatan. Himannaa ammaa kana ilaalchisee walfalmiin mana murtii irratti kan geggeeffamu tahuu Ministeerri Haqaa Bulchiinsa Kubeek mirkaneessee jira.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page