Muummichi Ministeera Kaanaadaa hijaaba uffatuun Mirga namummaati jedha.
- Odeeyfannoo
- Aug 27, 2016
- 1 min read

Muummichi Ministeera kaanaadaa Jastin Truda'i walgahii wiixata dabre ministeerota waliin godhan irratti "Kaanaadaa keessatti mirga dhuunfaa, amantaa fi Aadaa kamiiyyuu sarbuun hin danda'amu'' jedha.
Ministeerri kun itti aansuun Dhiibbaan akka yeroo ammaa kana Hijaaba dhoorkuun Faransaayi keessatti rawwatamaa jiru kan mirga dhuunfaa dhiiba. kun Biyya keenya keessattis ni raawwatama jedhanii yaaduun gonkumaa hin danda'amu'' jedha.
Dhiheenya kana biyya Faransaayi magaalota 15 keessatti hijaabni eega dhorkamee booda, Ministeeronni biyya Kaanaadaa tokko tokkos akka dhorkamu kan gaafatan yoo tahu, Muummichi Ministeeraa gaafii isaanii kana kuffisee jira.
NuuralHudaa http://www.nuuralhudaa.com/
Comments