top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Ispeen bulchiinsa Kaatalaan diiguu labse.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 28, 2017
  • 1 min read

Parlaamaan Bulchiinsa Kaatalaan juma'aa kaleessaa Ispeen irraa walaba bayuu erga labsee booda, muummichi ministera Ispeen Mariyaanoo Rahoy seeneetii biyyatti walgayii ariifachiisaa yaame. Haaluma kanaan Seeneetiin Ispeenis, muummicha ministiraatiif bulchiinsa Kaatalaan akka diiguuf taayitaa guutuu kenneef. yeroo muraasa booda Mr Rahooy paarlaamaa naannichaa jigsuudhaan Bulchiinsi Kaatalaan kan diigame ta'uu labse.

Mr Rahoy, Kaatalaan kallattiidhaan mootummaa jiddugalaa Ispeen jalatti kandeebite tahuu ibsuudhaan,Prezdaantii Bulchiinsa kaataluniyaa Karles Puigdemontii fi Itti aanaa isaa, akkasumas Hooggaanaa Poolisii naannichaa taayitaa irraa ari'uu beeksise. Itti aantuun muummee ministra Ispeen Ms Soraya Saez De Santamaria ammoo kallattiidhaan Kaatalaan akka hooggantuuf muudamte. Dabalataanis mootummaan Ispeen Naannichatti filannoon December 21/2017 akka geeggeefamuuf kan karoorfate tahuu gabaasni BBC ni mul'isa.

Gama biraatiin ammoo deeggartoonni fi marmitoonni magaalee Barcelaanaa fi Maadriid keessatti hiriira bahaniiru. Pirezidaantiin Kaatalaan Karles Puigdemontii akka jedhetti, gochi Maadriid fudhatama kan hinqabne; Kanaafuu ummanni Kaatalaan tasgabbaayuun murtii isaa irratti cichuu qaba jedhe.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page