top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Paarlaamaan Kaatalaan Ispeen irraa Walaba bayuu labse

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 27, 2017
  • 1 min read

Miseensota Parlaamaa 135 keessaa isaan 70 tahan Kaataloon Ispeen irraa akka walaba baatu sagalee isaanii kennan, miseensonni 10 immoo kan hin deeggare tahuu ibsan

Murteen sagalee kennuu kun magaalaa Baarseloonaatti guyyaa hardhaa waaree booda iccitiidhaan kan geggeeffame yoo tahu, Abbaan alangaa Ispeen miseensota paarlaamaa dhoksaan sagalee kennan kana irratti himannaa kan banu tahuu beeksise.

Mummichi ministeera Ispeen Mariyaanoo Raahoy gama isaatiin, murtii Parlaamaa kanaatiin ummanni Ispeen rifatuu akka hin qabnee fi akka tasgabbaa'uu qabu, akkasumas miseensota Seeneetii Ispeeniif Kaatalaan kalattiin akka Maadriid jalatti bultuuf gaafate.

Prezdaantiin Kaatalaanii fi itti aanaan isaatis aangoo irraa akka ari’aman ibse.

Haasawa muummicha ministeera kana miseensonni seeneetii Ispeen kan deggaran tahuu ibsaniiru.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page