Prezdant Traamp Waliigaltee Niwukilarii Iiraan diiguuf dhaadachuu isaa Ruusiyaa fi Biyyoonni Awuroop
- NuuralHudaa
- Oct 14, 2017
- 1 min read

Ruusiyaa fi biyyoonni Awuroopaa kanneen michuu ameerikaa ta’an, Pirazadant Traamp dhimma Niwukularii Iiraan ilaalchisee waliigaltee bara 2015 taasifame diiguuf dhaadachuun isaa fudhatama kan hinqabne jechuun balaaleffatan. Biyyoonni kunniin gama isaaniitiin raawwii waliigaltee isaniitiif Iiraan waliin kan hojjatan tahuu ibsan. Tiraamp guyyaa kaleessa ibsa kenneen, waligaltee Nikwukilarii Iiraanii fi biyyoota jaha jiddutti mallattefamee ture, adeemsa raawwii isaatiif beekkamtii hin kennu jedhe. Inumaayyuu Koongrasiin Ameerikaa guyyoota 60 kessatti qoqqobbii Iiraan irratti kan hin deebisne yoo tahee fi biyyoota jahan waliin waliigalteen akka haarayaatti yoo kan hin godhamne yoo tahe, guutumaan guututti waliigalticha kan diigu tahuu dhaadate.
Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti Ejensiin too’annoo Niwukilarii gama isaatiin, Iiraan akkaataa waliigaltee saniitiin adeemaa akka jirtu ragaa bahe. Ministerri Haajaa alaa Ruusiyaa ibsa baaseen akka jedhetti, adeemsi fi hasayni Tiraamp adeemsa dipolomasii addunyaa kan hin hubatin jechuun tuffate.
Dabalataanis hanga Iiraan akkataa waliigaltee saniitiin adeemtetti, Ameerikaan dhimma kana irratti kophaa isii dhiibbaa guddaa hin fiddu jedhe.
Prezadantiin Iiraan Hasan Ruhaanii ibsa Tiraamp hordofuun deebii kenneen, Iiraan waligaltee bara 2015 kan raawwattu tahuu ibsuun, halaa kamiinuu walii galtee haaraya kan hin seenne tahuu hime. Biyyoonni jahan Iiraan waliin bara 2015 waliigaltee Niwukilarii mallateessan Ameerikaa, Ruusiyaa, Chaayinaa, Britaaniyaa, Faransaayii fi Jarman tahuun niyaadatama. _

Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments