top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Godina Baalee aanaa Harannaa Bulluqitti sagantaan galii walitti qabuu geggeeffame

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 15, 2017
  • 1 min read

Godina Baalee aana Harannaa Bulluq ganda Hawwoo jedhamutti madrasaa ijaaruuf sagantaan galii walitti qabuu gaggeeffame.

Sagantaa kanarratti hawaasni lakkoofsaan heddu ta’e bahuudhaan, dhiiraafi dubartii osoo hinjenne gumaata bifa adda addaatiin arjoomaniiru. Ijaarsa madarasaa karoorfame kanaaf akka ooluuf Buna, beeyledaa fi maallaqni guddaan kan walitti qabame tahuu gabaasni naannicha iraa nu dhaqqabe ni addeessa.

Sagantaa kanarratti keessummoonni gurguddoon magaalaalee gara garaa irraa kan dhufan yoo tahu, Magaalaa Roobee irraa Sheekh Sa'iid Imaama Masjida Nuur, daa'ii Sheekh Amaan Qaadii

Magaalaa Maliyyuu irraa, akkanumas Munashid Xaahaa Turee fi Munashid Kamaal Heebboo argamaniiru. Finfinnee irraa ammoo Munashid Ismaa'iil Abbaa Milkii fi Munashid Awwal Khadiir kan hirmaatan tahuu beekkameera. Harannaa bulluq biyya bosonaa uumamaatiin akka biyyatitti sadarkaa duraatti beekkamtuu dha.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page