Rooba guddaa guyyaa har'aa magaalaa Roobeetti roobeen daandiin cituun beekame.
- NuuralHudaa
- Sep 4, 2017
- 1 min read
Rooba gannaa guutuu biyyattiitti Roobaa jiruun iddoo adda addaatti daandiiwwan ciitaa jiraatuu odeeyfannoon argame ni addeessa. Rooba guddaa torbee darbe keessa godina Baalee magaalaa Roobeetti bokkayeen daandiiwwaan magaalaatti keessaa ciituu isaaniif gabaasuun keenya ni yaadatama. Guyyaa hardhaa Adooleessa 04/2017 Roobni cimaan roobuudhaan karaan Gooroo irraa dhufu addaan cituun, jiraattonni rakkataa jiraatuu maddeen nuf gabaasaniiru.
Akka Jiraataan naannawa sanii nuuf himetti
"guyyaa hardhatis roobni cimaan deebi'ee roobuun karaan citee jira, ummanni bahee galuuf rakkataa jira. Naannawa Roobee Akkabaabii jedhamuun beekkamutti loolaan mana namaa seenuun ummanni rakkataa jira. Masjiidni Mubaarak kan naannawa sanitti argamus rakkoo cimaa keessa jira" jedhe ____ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments