top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Manni murtii  Muummicha ministeera Hayilamaariyam fi Qondaaltonni biro akka dhiyaatan ajaja dabarse.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Aug 18, 2017
  • 1 min read

Manni murtii dhimma hooggantoota dhaaba Kongirasii Fedraala Oromoo kan Galmee obbo Gurmeessaa Ayyaanoo jalatti himataman ilaalaa jiru, Hayilamaariyam Dassaalenyi dabalatee qondaaltota 5niif waraqaa waamichaa dabarsuu odeeyfannoon argame ni mulisa. Dhaddacha guyyaa har’aa ooleen Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee himatamtoonni ragaa ittisaa kan dhiyeeffatan yoo tahu, dhaddacha kanaan duraa irratti qondaaltonni mootummaa dhiyaatanii dhimma isaanii irratti ragaa akka keennaniif, himatamtoonni mana murtii gaafachuun isaanii ni yaadatama. Haaluma kanaan guyyaa har'aa: 1.Muummicha ministeeraa obbo Haylamaaram Dassaaleny 2. Pirazidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa. 3. Afa-yaa'ii Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa. 4. Obbo Abiyyii Ahmad fi 5. Kantiibaa Laga xaafoo Aadde Caaltuun . Onkololeessa 27, 28 fi 29 bara 2010tti dhiyaatanii himatamtoota kana ilaalchise akka jecha isaanii kennaniif waraqaan waamichaa akka dhaqqabuu ajajin mana murtii irraa darbeera. ____ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x Facebook https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ Twitter https://twitter.com/NuuralHudaa Instagram https://www.instagram.com/soora.qalbii/ Telegram Channel https://t.me/nuuralhudaa Website www.nuuralhudaa.com

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page