top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Naannoo Sumaaleetti lammiileen 700,000 ol Beela hamaaf Saaxilamuun himame

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Aug 17, 2017
  • 1 min read

Gabaasni dhaabata gargarsaa “Oxfam International” jedhamu irraa bahe akka mul'isutti, Naannoo Sumaaleetti hanqinni nyaataa hammaachaa dhufuu irraan kan ka'e, lammiileen 700,000 ol beela hamaaf saaxilamaniiru jedhe. Dhaabbatichi gabaasa isaa kana irratti, guutuu biyyattii keessatti lakkoofsi namoota beelaaf saaxilamanii 30% dabaaluun, miliyoona saddeetiif kuma dhibba shan gahuu ibse.

Gabaasa mootummaan Itoophiyaatii fi Oxfam waliin tahuun baasan kana irratti, Sababa hanqina nyaataa fi hoongeetiin lakkoofsi namoota qe'ee isaanii irraa buqqa'anii dabaluu, daa'imman hojii humnaa olii irratti bobba'uu fi aanaalee tokko tokko keessatti da'imman nyaata argachuuf jecha gudeedamaa jiraatuun gabaafameera.

Hogganaa Oxfam international Damee Itoophiyaa kan tahe Manesh Kumar VOAf akka himetti; " Yeroon amma keessa jirru kun hedduu hama, yoo falli hin kaahamin balaa guddatu muudatuu danda'a; Hoongee biyyattii keessatti muudate kana too'annaa jala olchuuf dolaara biliyoona tokkoo fi miliyoona kuma dhibba shanii ol barbachisa; hata'uu malee hanga ammaatti 39% qofatu argame jedhe.

Kutaa biyyattii beela hamaa irratti argaman jidduu naannoo Sumalee irraa: Dolloo, Korahee, Afdheeraa fi Jareer yoo tahan, Naannoo Oromiyaa akkasumas Naannoo saba fi Sablammoota kibbaatis hanqinni nyaataa kun kan hammataa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

____ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page