top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Somaaliyaa Addunyaa deeggarsa gaafate.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Mar 25, 2017
  • 1 min read

Waggaa 6 dura bara 2011, Balaa hoongeetiin lubbuu nama 260,000 oliitu bade. Har’as balaan san fakkaattu Somaaliyatti garagalee jira. Somaaliyaa keessatti ummanni Miiliyoona 6 ol tahu beelaafii dhukkuba koleeraatiif saaxilamee jira. Daa'imman foon irraa dhumee, coraan lafemmaxxanee, manguddoon lafaa ka’uu dadhabdee jirti. Beeyladoonni dhumanis lakkofsi haalaan heddu.

Prezdaantiin Somaaliyaa kan baatii tokko dura aangoo qabate Muhammad Abdullaahii Farmaajoo, Hawaasa Addunyaatiin Nu dhaqqabaa jechutti jira. Farmaajoon biyya keeniyaa Magaalaa Naayiroobiitti,

"Ummata biyya kiyyaa keessaa walakkaan hanqina nyaataatiif kan saaxilame yoo ta’u, akkasumas dhibbeentaan 15 ammoo Beelaaf saaxilamee jira, kun hedduu na gaddisiisa, ummanni Somaaliyaa ummata tattaafatu, Karaan beela jalaa ittiin baanu ka biroo osoo jiraatee, Silaa gargaarsa kana hin gaafadhu” jedhee dubbate.

Balaan beelaa bara kana Somaaliyaa Mudate kun, Yoo deeggarsi hatattamaa hin argamin lubbuu namoota hedduu kan galaafatuu dandahu tahuunis gabaafamee jira.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page