Imaamni Masjida Guddicha Biyya Kuweet Burkiinaafaassoo keessatti ajjeefame.
- NuuralHudaa
- Aug 16, 2017
- 1 min read

INNA LILLAHI WAINNAA ILEEYHI RAAJI’UUN
Imaama masjiida guddicha biyya Kuweet kan ta’e Dr Walid Al-Ali fi itti aanaan isaa magaalaa guddiitti Burkinaa Faasoo, Ogaaduguu keessatti ajjeefamuu isaanii gaazexaan Kuwet times gabaase. Dr Walid imaama fi nama da’awaan beekkamu yoo tahu, Sabtii dabre namoota eenyuummaan isaanii hin beekkamneen Restaurantii tokko keessatti ajjeefameera. Dhukaasa restoranticha keessatti baname kanaan namoonni 18 kan ajjeefaman tahuunis beekameera.
Dr Waliidii fi gareen isaa hojii gargaarsaatiif gara burkinaa Faaasoo kan imalanii turan tahuunis beekameera.
____
Application NuuralHudaa download godhuuf
Android https://goo.gl/Ieo7dv
iPhone https://goo.gl/y7n0In
iPad https://goo.gl/Yf9a8x
NuuralHudaa
https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/
https://twitter.com/NuuralHudaa
www.nuuralhudaa.com
Opmerkingen