top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Sunnaa Nabi Keenyaa ﷺ haa jiraachisnu

  • Abu Ibtisaam
  • Jun 16, 2017
  • 1 min read

Nabi Muhammad ﷺ hoogganaa fi fakkeenya ummata kanaati. Isa hordofuudhaan yoo taate malee gammachuun hin argamu. Durummaa fi beekkamtiin faana isaanii hordofuun maletti argamus booddeen isaa kasaaraadha. Namoonni gaafa isaan ergaman irraa jalqabee dachii kanarra jiraatan, kan ifdura jiraatanis, yoo sunnaa isaanii hordofan malee Jannata seenuu hin dana’an. SUnnaan isaanii ﷺ akka Markaba Nabiyallaah Nuuhiiti (AS). Namni Markaba isaanii kana yaabbate, ni milkaaya. Namni irraa garagale ammoo kasaaraa guddaa kasaara.

Kanaaf Ergamaan keenya jaalatamaan ﷺ sahaabota isaaniitiin “Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa kaliifota kiyyaa ilkaaniin ciniinaa qabadhaa. Wantoota haarawa uumaman irraa fagaadhaa. Wanti haarawa uumamu hundi Bid’aadha. Bid’aan ammoo karaa jallataadha. Namni karaa an kaaye kana didee kan biraa filate, anarraahii miti” jedhan.

Ramadaana kana keessa ammoo sunnaa isaanii haalaan hordofuun kheeyrii heddu walitti sassaabbachuu qabna. Akkasumas of leenjisuun barbaachisaadha. Guyyaan guyyaa Jum’aati. Sunuu isa Kurnan boodaa waan ta’eef, sunnaa isaaniitti dalaguun jannata haa bitannu.

  • Hanfarroo haa gabaabsinu, Areeda haa gad dhiisnu

  • Qeensa ofirraa haa murru

  • Rifeensa bobaa jalaa fi qaama saalaa irraa haa murru

  • Bishaan teenyee haa dhugnu

  • Masjiida yeroo seennu luka mirgaatiin haa seennu

  • Eega seenneen booda raka’aa lama haa salaannu

  • Bishaanii fi midhaan harka mirgaatiin haa dhugnu, haa nyaannu

  • Siwaaka haa fayyadamnu

  • Mana namaa seenuun dura haa eeyyamsiisnu fi kanneen biraatis heddu waan ta’aniif, barbaanne itti haa dalagnu.

Yaa Rabbi,

♥ Sunnaa Nabi Muhammad ﷺ jala deemuu nuu laaffisi

♥ Nama jala deemee ittiin milkaahu nu taasisi


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page