Ergamaan Rabbii (SAW) Namoota Muslima hin ta'iiniif Ilaalcha Akkamii qabu?
- Abbaas Ibnal Islaam
- May 18, 2017
- 2 min read

Nuti hoo hardha Namoota Muslima hin ta'iiniif Ilaalcha akkamii qabna? Ergamaan Rabbii(SAW) hawaasa akkaan garaa jabaatu, kan waliif naasuu hin qabne jiddutti dhalatanii guddatan, haata'u malee isaan garuu namoota diina isaanii fi isaan ajjeesuuf hawwan wajjiinis nageenya uumuun jiraatu. Nutis akkamiitti namoota Muslima hin tahiin wajjiin akka nagaa uumun jiraatuu qabnus nu barsiisaanii jiru.
Mee Ergamaan Rabbii Namoota Muslima hin ta'iiniif Nama akkamii turan? kan jedhu Hadiisota armaan gadii keessaatti haa ilaalluu! Yeroo Isaan gara Xa'iif deemanii ummataaf Da'awaa godhaniitti, ni didan, Ijoolleef Dubartoota itti kasuun hanga dhiigni isaan irra yaa'u kophee isaanii guutuutti dhagaan tuman. Yeroo kana Malaaykichi guddaan Jibriil dhufun akkas jedheen.
“Rabbiin deebisaa ummanni kee siif kenne, akka sii didan dhaga'e jira, Malaykaa gaaraa siif ajajee jira, waan barbaadde itti himadhu inni ni godha" jedheen.
Malayikaan Gaaraatis ni dhufe maqaa isaanii waame, Salamtaa eega jedhee booda "Na ajaji; yoon barbaade gaarreen Makkaa kanniin lamaan walitti fiduun jidduutti isaan kana dhabama godha, Naf himi maal siif haa godhu?" jechuun gaafate. Deebisaan Eergamaa Rabbii maal ture? " Lakki!! yoo isaan hin tahinis abdii ijoolleen isaanii kan gudeeda isaanii lamaan jidduu bahan ,kan Rabbiin qofatti gabbaran tahuu danda'u jedhu qaba" jechuun deebisaaniif.
Yeroo lola Uhuud Kaafiroonni Makkaa muslimoota Weraruun miidhaa guddaa muslimoota irratti geessisan, Lola kana irratti ilkeen Ergama Rabbii cabe, mataan isaanii dhahame miidhaan guddaan irra gahe, akka dhigni isaanii lafatti hin cophne Jirbiin oldeebisaa akkas jedhan "Yoon dhiigni kiyya kun lafa irratti cophe, Rabbiin murna kaafiira kana ni balleessa" jedhu Sahabtichi Guddaan Umaris (R,A) " Yaa Ergama Rabbii ummata kana Abaari!" jechuun gaafate Ergamaan Rabbii (S.W) "Ani kan ergameef Abarsaaf osoo hin tahiin ,ani kan ergameef dhiifamaaf" jechuun deebisaniif.
Hadiisa biroo keessatti immoo Guyyaa takka Namtichi Baadiyyaa tokko Masjiida seenuun fincaan gad lakkise, yeroo sanitti masjiidni afaa fi gidaaras hin qabu ture, Sahaabonni olka'uun fincaan namticha dhoorkuuf fiigan. Ergamaan Rahmataatis " Dhiisaa haa fnca'e fixatuu" jechuun dhorkuun eega inni fincaa'ee fixateen boodatti akka iddoo inni finca'e irratti bishaan qulqulluu jigsuun qulqulleessan ajajan.
Hadiisoota arman olii kanniin irraa maal baranna? Ergamaan Rabbii haalli isaan namoota muslima hin ta'in itti qabataa turaniif nut immoo hardha itti jirru maal fakkaataa? Rabbiin Nama waliif gaarii tahu nu haa godhu!
Comments