top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Muslimoonni Addunyaa irra jiran, Saa’aa hagamiif Soomanu?

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • May 12, 2017
  • 1 min read

Ramadaanni baranaa nutti as dhihaatee jira. Hundi keenya hamilee gaariin eegutti jirra. Akkuma beekkamu Soomana jechuun baha aduu irraa kaasee hanga seensa aduutti, nyaataa fi dhugaatii akkasumas wantoota biroo kan Soomana keessa godhuun dhoowwame irraa fagaatuudha. Aduun ammoo akkaataan biyyoota garagaraa keessatti baatuu fi dhiituun garaagarummaa qaba.

Ammaan tana aduun gara Heemisfeera Kaabaatti waan argamtuuf, biyyoonni Heemisfeera kaabaa irra jiran Saa’aa dheeraa soomanu, biyyooni gara kibbaa jiran ammoo saa’aa gabaabduu soomanu. Akka fakkeenyaatti Yoo fudhanne, Ummaanni biyyoota Akka Arjantiinaa fi Chiili keessa jiru, Saa’aa 10 qofa aduu argatu. Kanneen Afriikaa Kibbaa fi Awustraaliyatti argaman ammoo Saa’aa 11 aduu argatu. Kanaafuu saa’aa 11 qofa soomanu jechuudha.

Itiyoophiyaan Mudhii lafaatti waan argamtuuf, aduu Saa’aa 14f argatti. Biyyoonni Arabaatis akkasuma. Ameerikaa fi Kaanaadaan Saa’aa 16 hanga 17 aduu argatti, Awurooppaan jiddu galeessaa ammoo hanga saa’aa 17. Ingiliiz Saa’aa 18, Noorweeyii fi Swiidin saa’aa 19 Soomanu jechuudha. Addunyaa irraa biyyi sa’aa dheeraa soomantu takka Raashiyaa gama Kaabaati. Muslimoonni Raashiyaa gama kaabaatti argaman Saa’aa 20 soomanu. Green land ammoo Saa’aa 21 aduu argatti.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page