Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanni (UN) Rakkoon Yaman keessa jiru daran dabalaa jiraatuu akeekkachii
- NuuralHudaa
- May 31, 2017
- 1 min read

Itti gaafatamaan Gargarsaa Namoomaa kan UN Isteefan Obreyaan, " Yaman kufaatii Dinagdee fi hawaasuummaatiif Saaxilamtee jirti, tarkaanfiin ariifachisaan fudhatamuu qaba" jechuun mana marii nageenya dhaabbatichaatiif hime. Lammiiwwan biyyattii 7,000,000 oli tahan beelaaf kan Saaxilaman yoo tahu, dhukkuba koleeraatiin lammiiwwan 500 oli du'aniiru kun immoo biyyattii kufatiif saxileera. Mr Obreyaan akka jedhutti; "Lammiiwwan hedduun du'aa fi dhukkuubaaf saaxilamaniiru, Rakkoon kun waan dhufaa jiruu miti, akkasumas waan fulduraaf umama jedhamus miti, kunoo qabatamaan ilaalaa jirra, rakkoo kana furuuf doolaara biliyoonaa lamaa oliitu barbaachisa, kan hanga ammatti argame garuu dhibeenta 24% qofa" jechuun dubbate. Waggoota lamaan dabraaniif Yaman keessaatti mootummaa biyyatti fi garee finciltoota Husii jidduutti lolli cimaan geggeeffamaa jiraatuun beekamadha, lolli kun immoo rakkina biyyattii keessatti muudate daran hammessee jira. Sababa lola kanaatiin namoonni 8,000 oli kan ajjeefamanii fi namoonni 44,500 oli tahan immoo miidhamanii jiru. Waraanni kun hanga ammattis kan itti fufe tahuu gabaasni UN irraa argame ni addeessa. Lammileen 18,800,000 oli tahan yeroo amma kana gargaarsa hatattamaa barbaadu. Qondaala UN kan dhimma Yamani Ismael Ould Sheikh Ahmed mana marii nageenya dhaabbatichaatiif akka ibsetti " Gareewwan lamaanuu lola dhabuuf fedhii qabu; hata'uu malee waamicha nageenyaaf godhamaa jiru osoo dhaga'an akka hin dhageenyeetti didaa jiru,kana jiddutti immoo ummanni Yaman rakkoo guddaaf Saxilameera" jedha.
Comments