Yaman keessatti namoonni 180 dhukkuba Koleeraatiin du'uun gabaafame.
- NuuralHudaa
- May 15, 2017
- 1 min read

Dhukkuba Koleeraa Yaman keessaatti ka’een April 27 hanga hardhaatti namoonni 180 kan du'aani tahuu gabaasni Waldaa Fannoo Diimaa Adduunyaa (ICRC) irraa bahe ni addeessa. Ministeerri Fayyaa biyyatti gama isaatiin akka jedhutti, magaalaa Sana'aa kan to’annaa finciltoota Huusii jala jirtu irraa namoonni 115 du'aaniiru.
Kanumaan walqabatee Finciltoonni Husii magaalaa Sana'aa bulchaa jiran labsii yeroo muddamaa labsanii jiru.
Hogganaa Waldaa Fannoo Dimaa Adduunyaa kan tahe Dominik Stillhart yoo dubbatu:
"Magaalaa Aden keessatti namoonni 11,000 oli dhukkuba Koleeraatiif Saxilamaaniiru" jechuun Rooyteersiif hime.
Comments