top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Yaman keessatti dhukkubni Koleeraa ka’uun isaa gabaafme.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • May 9, 2017
  • 1 min read

Dhaabbanni Fayyaa Adduunyaa WHO’n torbaan tokko keessaatti namoonni 25 dhukkuba Koleeraatiin kan du’anii fi Wal-waraansi waggaa lamaaf biyyaattii keessaatti geggeeffama jiruu, rakkoo kana daran akka hammeesse beeksisee jira. Dubartoonni fi daa’imman hedduun dhukkuba kanaan qabamanii Hospitaala magaalaa San’aa kan dhiphisan tahuus gabaafameera.

Itti gaafatamaan WHO kan damee Yaman Nevio Zagaria akka jedhutti “Wal-waraansi waggaa lamaaf adeemsifamaa jiru, hojii misoomaa irratti dhiibbaa guddaa uumee jira; tajaajilli ifaa hin jiru, buufataaleen bishaan dhugaatii dalagaa hin jiran. Haalli kunniin immoo dhabamuu bishaan dhugaatii irratti dhibbaa guddaa uumeera jechuun” Roytersiif himee jira. Wal-waraansii Yaman kun lammiilee biyyattii miiliyoonaan lakkaayaman hiyyummaaf kan saaxilee fi akkanumas lammiiwwan miliyoonaan lakkaawamanis qe’ee isaanii irraa akka buqqa’aanii fi namoonni 10,000 ol ta’an lubbuu isaanii akka dhaban ibsamee jira.

Haaluma walfakkaatuun Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii UN , Yaman keessatti Daa’imni umriin isaa waggaa 5 gadii 1 daqiiqaa 10 keessaatti du’aaf kan saaxilamu tahuu gabaasuun isaa niyaadatyama.

Kommentarer


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page