Namoonni miiliyana 17 ta’an Yaman keessatti beelaaf saaxilamuun isaanii ibsame
- NuuralHudaa
- Apr 26, 2017
- 2 min read

Barreessaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii kan ta’e Antooniyoo Guutares, koonfiransii guyyaa Salaasaa Magaalaa Jeeneevaa keessatti godhame irratti, balaa hoongee Yaman mudate yeroodhaafis ta’u qolachuudhaaf Dolaara Ameerikaa biiliyana 1.1 nu barbaachisa jedhe. Haa ta’u malee gargaarsa gaafatame kana keessaa haga ammaatti kan argame walakkaa isaa qofa ta’uu ibsee jira.
Yaman keessatti, Daa’immaan Miiliyana 2 ol ta’an, beela hamaaf saaxilamuun isaanii ibsamee jira. Walakkaan isaanii ammoo hoongee akkaan hamaa ta’eef waan saaxilamaniif du’aafi jiruu jidduu jiraatuu isaanii beekamee jira. Guutares walgahii san irratti akkan jechuun dubbate, “Yaman keessatti daqiiqaa kudhan kudhaniin daa’imni tokko kan umriin isaa shanii gadii ta’e du’utti jira. Kana jechuun haga walgahii keenya kana raawwannutti daa’imman 50 ta’an ni du’u jechuudha.
Dubartiin Faaximaa Alii Yahyaa jedhamtu rakkoo isii mudate yoo ibsitu akkana jette, “Mallaqa takkallee hin qabnu. Darbee darbee mallaqa xiqqoo isii ni arganna. Saniinis soorata bitannee galla. Daa’imman torba qaba. Isaan keessaa tokko yoo na jalaa dhukkubsate mana yaalaa geessuu hin danda’u.”

Umm Saliim dubartiin jedhamtu ammoo, “Sababa wal waraansaa kanaan abbaan warraa kiyya dalagaa takkallee dalagaa hin jiru. Gara bishaanii deemee qurxummii adamsuus hin danda’u. Dhiirri hundi dalaga dhabee waan lafa jiruuf, waan nyaannu dhabnee rakkannee jirra” jette
Yaman keessa hoongeen daran hammaatee jira. Daa’imman, dubartoonni, manguddoonni fi namoonni hir’ina qaamaa qabanis beela kanaan heddu miidhamanii jiran.

Jiraataa Hodeeydah kan tahe Taha al Nahari, “ Eega soorata gahaa argannee garaa quufnee buluu dadhabnee waggaa tokkoo fi cinaa ta’ee jira. Ofiifis maatiifis waan gahaa argachuu hin dandeenye. Yeroo takka takka soorata xiqqoo isii ni arganna. Yeroo takka takka ammoo akkuma beelofnetti jiraanna” jedhe.
Walumaa galatti Eega gareen Milishaa Huusii fincila biyyattii keessatti kaasee, mootummaa waliin wal waraanuu jalqabee as, rakkoon Yaman keessa jiru daran hammaataa jiraatuu isaa dubbi himtuun Ejensii baqattoota dhabbata mootummoota gamtoomanii (UNHCR) kan taate, Shaabiyaa Maantuu ibsitee jirti. Rakkina ummata Yaman mudataa jiru too’annaa jala oolchuuf, waldhabdee biyyattii keessatti uumameef furmaata kennuun barbaachisaa akka ta’es, ibsa Aljaziiraaf kenniteen ibsitee jirti.
Commentaires