top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Haleellaa xiyyaaraa mootummaa Suuriyaa fi Raashiyaatiin raawwatameen , yoo diqqaate namoonni 12 ajje

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Apr 25, 2017
  • 1 min read

Haleellaa xiyyaaraa mootummaa Suuriyaa fi Raashiyaatiin raawwatameen , yoo diqqaate namoonni 12 kan ajjeefamanii fi Hospitaalli naannawa sanitti argamu tokko guutuumaa guutuutti akka barbaada'e , hojjattoonni Fayyaa naannawa sanii fi dhaabbatni “garee mirga namummaa suuriyaa” Rooytersiif ibsan.

Dubbii himaan hospitaala kanaa Rooyteersiif akka himetti;"Haleellaa Xiyyaaraa kanaan namoota hospitaala kanatti yaalamaa turan dabalatee namoonni 12 ajjeefaman" jedhee jira. Mormitoonni fi lammiileen dararaa mootummaa suuriyaa dheessan ,magaalaa Damashq fi naannawa isii irraa gara bulchiinsa naanawa Idliib baqatuun isaanii ni yadatama.

Gama biraatiin ammoo, Turkiyaan masaajidoota 60 oli sababaa walwaraansa suuriyaa kessaatiin barbadaayan, deebistee ijaaruuf akka karoorsite;dhaabbatni odeeyfannoo Anadolu agensiin gabaasee jira. Hanga ammaatitti, Turkiyaan naannawa suuriyaa daangaa biyya isii jiruu fi kan bulchiinsa abbaa irree Bashaar Al-asaad harkaa bilisa baye keessatti, masjiidoota 120 suphuudhaan deebi’anii akka banaman; gargaaruu isii gabaasni kun mul’isee jira.

Commentaires


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page