Faaydaalee Koobaa
- Abu Ibtisaam
- Apr 17, 2017
- 3 min read

Maloota wal’aansaa dachii kanarra yeroo dheeraaf ture keessaa inni tokko Koobachuudha. Ummanni Griik, Arabaa, Hindi, CHaaynaa, Turkii fi kanneen birootis waggoota 5000 oliif tajaajila wal’aansaa kana fayyadamaa akka turan galmeewwan seena ni mul’isan. Kanaan cinatti, Ergamaan keenya jaalatamaan Nabi Muhammad ﷺ ummanni isaanii akka koobatan dhaamanii jiran. Hadiisa Sunan Abu Daawud, Kitaaba Fayyaa (Kitaab Ax Xibb), Hadiisa 3857 irratti ibsame irratti Ergamaan Rabbii ﷺ “Wal’aansi fayyaan irra gaariin koobachuudha” jedhan.
Yeroo san irraa kaasee, Koobachuun qaama wal’aansa Islaamummaa ta’ee jira. Bakka tajaajilli wal’aansa Islaamummaan walqabatee kennamurraa tajaajilli Koobuutis ni jira. Koobachuun wal’aansa akkaan gaarii ta’ee fi barbaachisaadha. Wal’aansi ammayyaa garagaraatis tajaajila koobachuu kana akka filmaataatti namootaaf ajajutti jiran.
Koobachuun sunnaa Rasuulaatitti dalaguun cinatti, fayyaa qaamaatiif faaydaa heddu kenna. Mee harraaf faaydaa 5 kan akkaan barbaachisaa ta’ee kan koobachuu irraa argannu isiniif haa himu
Dhiiga qulqulleessuu
Harraan tana dhukkubni hedduun sababa asiidiin dhiiga keessatti baay’achuu isaatiin mudata. Dhiigni qulqulluu hin taanes hidda dhiigaa keessa deemuudhaan qaamman keenya kan garagaraa keessa waan seenuuf, dhukkuba garagaraatiif akka saaxilamnu nu godha. Waan kana ta’eef, dhiiga xuraawaa qabatanii nagayaan jiraachuun ulfaataadha. Dhiiga xuraawaa kana qulqulleessee baasuu keessatti ammoo wanti Koobachuutti qixxaahu hin jiru. Namni koobate dhiiga xuraawaa qaama ofii keessaa baase, fayyaa qaama ofii eeggachuu ni danda’a. Wanti akka dhiiga qulqulluu qabaachuu ammoo faaydaa guddaa qabu hin jiru
2. Marsaa dhiigaa fooyyeessuu
Namni tokko fayyaa guutuu qabaatee nagayaan deemuudhaaf dhiigni qaama isaa keessatti haala gaariin tamsa’uu qaba. Kanaaf ammoo hiddi dhiigaa yeroo hunda qulqulluu fi wantoota marsaa dhiigaa dhoorkan kanniin irraa qulqulluu ta’uu qaba. Namni koobate, dhiiga cinqamee deemuu dadhabe hunda qulqulleessuun marsaan dhiigaa akka saffisu taasisa. Haala kanaan Koobachuun, qaamman keenyaa fi seelonni qaama keenya keessatti argaman hundi, dhiiga barbaachisaa ta’e akka argataniif tajaajila kenna.
3. Ittisa dhukkubaa jabeessuu
Koobachuun dhiiga xuraawaa qaama keenya keessa jiru qulqulleessee baasa. Namni dhiiga qulqulluu qabu ammoo qaama fayya qabeessa ta’ee fi dhukkuba hunda ofirraa ittisuu danda’u akka qabaatu isa gargaara. Haala kanaan qaamni keenya yeroo hunda dhukkuba alaa itti dhufu hunda ofirraa ittisuudhaaf qophaayaa ta’ee eega.
4. Miira dhukkubbii hir’isuu
Faaydaan guddaan koobachuurraa argannu miira dhukkubbii hedduminaan nutti dhagahamu nurrraa hir’isuudha. Irree fi moorgaya qaama keenyaa keessaa, dhiiga xuraawaa ta’e baasuudhaan qaamni keenya fayya qabeessa akka ta’u nu gargaara. Namni hedduun yeroo meeshaa xiqqoo isii fuudhu fi dalagaa takka dalagu qaamni isaa wal hihhidha ykn ammoo ni dadhaba. Qaamni isaatis akkanumaan usee isa dhukkuba. Nama akkanaatiif Koobachuun faaydaa guddaa qaba. Moorgayaa fi irree keessaa dhiiga xuraawaa baasuudhaan oksijiiniin haarawaa fi sooranni haarofni qaama san akka dhaqqabu taasisa. Kunis irreen keenya adda hiikkatee dalagaa hunda bifa salphaa ta’een akka dalagu nu gargaara.
5. Sirna qaamaa qajeelchuu
Qaamni keenya hundi dhiigatti haajama. Dalagaawwan qaama keenya keessatti raawwataman hundi; soorata daakuu, bishaan qulqulleessu, balfa gara alaa baasuu, qaama keenya sosochoosuu fi kkf hundi yeroo takkaafis osoo boqonnaa hin fudhatin hojjatu. Kanaaf ammoo yeroo hunda dhiigni isaan dhaqqabuu qaba. Waan kana ta’eef sababa garagaraatiinis haa ta’uu, Rakkina kalee, rakkina hargansuu, rakkina soorataa fi rakkina gadameessaa furuudhaaf Koobachuun faaydaa guddaa qaba. Walumaa galatti faaydaan koobachuudhaa takkaa fi lama qofa jedhanii himanii fixuun hin danda’amu. Koobachuun, dhukkuba sammuu, dhukkuba duydaa, miidhama garagaraa, hanqina dhiigaa, dadhabina qaamaa, cinqii sammuu, laafina irree, rakkina gogaa, dhiibbaa dhiigaa, dhiiga dubartii (laguu), rakkina wal hormaataa fi kanneen biroo yaaluuf Koobachuun faaydaa guddaa qaba.
Koobachuun faaydaa heddu qaba. Ergamaan Rabbiitis ﷺ waan faaydaa guddaa qabuuf, nuu dhaaman. Kanaafuu nutis tokkoffaa sunnaa isaanii jala deemuudhaaf jecha, akkasumas fayyaa qaama keenyaa eeguudhaan ibaadaa Rabbii haala gaariin dalaguuf jecha wal aansa kanatti haa fayyadamu.
Comments