Israa’eel haleellaa Xayyaaraa Suuriyaa irratti raawwatte
- Nuural Hudaa
- Mar 17, 2017
- 1 min read

Xayyaaronni Israa’eel Halkan Kamisaa Suuriyaa Haleelaa akka bulan, dubbi himaan waraana Israa’eel ibsee jira. Mootummaan Suuriyaatis Misaa’elota garagaraa gara xayyaara Israa’el darbataa akka turan beekuun danda’amee jira. Yeroo ammaa kana Waraanni mootummaa Suuriyaa gara daangaa Israa’el imalaa akka jiru, maddi oduu Haaretz jedhamu ibsee jira.
Hoogganaan waraana Suuriyaa, ‘Xayaaronni Israa’el daangaa Suuriyaa cabsuun, naannoo Paalmeeratti haleellaa raawwatanii jiran” jedhan.
Gama Israa’eel irraa sababaan halleelaa kanaa maal akka ta’e haga ammaa kennamuu baatuus, xayyaarri Waraana isaanii, garee Hizboollaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu akka hin oolle, miidiyaaleen garagaraa gabaasutti jiran. Gareen Hizbollaah kun mootummaa Suuriyaa waliin ta’uudhaan mormitoota bilisummaa Suuriyaaf falmataa jiran irratti waraana geggeessaa kan ture ta’uunis gabaafamee jira.
____________ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In
iPad https://goo.gl/Yf9a8x
NuuralHudaa
Kommentarer