Mormitoonni Suuriyaa qajeela Mootummaa Bashaar waliin haasawuu barbaadna jedhan.
- Nuural Hudaa
- Feb 23, 2017
- 2 min read

Mormitoonni Suuriyaa kutaa gara garaa keessa teenyee namni nu jedduu deemuu irraa, bakka bu’oota Mootummaa waliin gola takka keessa, teenyee mari’achuu barbaadna jedhanii jiran. Mariin marsaa Afraffaa Mootummaa fi Mormitoota Suuriyaa jiddutti, Magaalaa Jeenevaatti godhamuu Kamisa har’aa ganama jalqabama. Yeroo kanatti garuu Mormitoonni akka duraanii jaarsi nu jidduu deemaa dubbii deddeebisuu irra, nummaan lamaan wal dura teenyee mari’achuu barbaanna jedhan.
Saalim Al Maslat, dubbi himaan garee Koree Mari’achiistuu ol aanaa, “Qajeela mootummaa waliin haasawuu barbaanna. Kun yeroos ni qusata, dhugaa jirtus wal dura teenyee walitti himuudhaaf gaariidha” jechuun AFPtti himee jira.
Maree Sadan yeroo darbe Magaalaa Jenevaatti godhame irratti, namni jidduu deemee mari’achiisaa ture, bakka bu’a dhaabbata Gamtoomanii Istaafan Di Misturaa ture. Di Misturaan dhimma qajeela mormitootaa fi Mootummaa walitti fiduun mari’achiisuu irratti gaafii gaafatameef deebii yoo kennu, “ Wal dura taa’anii mari’atuu irraa furmaanni saffisaan dhufu tokkolleen hin jiru. Akkuma amma dura godhaa turee, furmaanni waraan biyyattii keessatti akka dagaaguu fi filannoon walabaa ta’e Suuriyaa keessatti akka gegeeffamu jabaadhee hojjadha” jedhe.
Kun osoo Kanaan jiru, walii dhabdeen Mormitoota jidduu jiru, abdii Ummata Suuriyaa irratti danqa ta’aa akka jiru himama. Mormitoonni ofuma isaaniitii walitti dhukaasuun humnaa fi hamilee isaanii dadhabsiisee jira. Dabalataan gargaarsi Ameerikaa irraa godhamaafii ture Sababa filatamuu Donald Traampiin dhaabbachuu ni mala sodaa jedhu irraa kan ka’e, rakkoon Suuriyaa keessaa daran hammaatuu akka danda’u dubbatan. Turkiinis yaada isii duraan Mootummaan Bashaar bu’uu qabu jedhu dhiistee, Raashiyaa fi Iiraan waliin ta’uudhaan nageenyi Suuriyaa keessa akka bu’u godha yaada jedhutti jijjiramuun isiitis mormitootaaf dhukkubbii mataa ta’ee jira.
Mootummaanis ta’e Mormitoonni ejjannoo qabatan gad dhiisuu dhabuun isaaniitis, marii kanaaf danqa ta’ee jira. Mormitoonni, dhukaasni akka dhaabatu fedhan. Dabalataanis, miseensonni isaanii hidhamanii jiran akka hiikaman, Magaalaaleen Mootummaan marfamanii jiran akka banamanii fi mootummaanis aangoo gad lakkisuu akka qabu dubbatan. Mootummaan ammoo gaafii isaanii tokkollee fudhatuudhaaf qophii miti.
Mormitoota keessaa bakka bu’aan tokko, “Marii hunda yoo jalqabnu abdii guddaadhaan furmaata argachuudhaaf ture. Garuu wayta marii raawwannu, furmaatni tokkolleen hin jiru. Inumaa rakkoon hammaataatuma deema. Wanti guddaan garuu moohamuu hin barbaannu. Haga dandeenyeen kasaaraa nu mudatuu malu hir’isuuf yaalla” jechuun Aljaziiratti himee jira.
--------------------- NuuralHudaa
Comments