top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Valentine’s Day, Guyyaa Jaalalleewwanii

  • Abuu Ibtisaam
  • Feb 12, 2017
  • 5 min read

Rabbiin waan hundaa olitti Islaamummaa karaa godhee nuuf filatee jira. Islaamummaa tanas karaa Nabi Muhammadiitiinn ﷺ guutuu nuuf godhee jira. Qur’aannis amantiin kun guutuu akka ta’e dubbata. Ergamaan Rabbiitis ﷺ dhaamsa itti kenname hunda ilma namaa biraan gahuu isaanii; guyyaa Hajjii dhaammannaa san dubbatanii jiran. Qalbiin teenyas waan kana shakkii takkaan malee amantee fudhatti. Islaamummaa keessaa wanti hanqatee fi hafe takkalleen hin jiru. Akkaataa ibaadaa Rabbii itti goonu irraa kaasee, wantoota xixiqqoo mana keenya keessatti raawwachuu qabnu hunda Nabiin keenya ﷺ nu barsiisanii jiran. Kanaafuu Islaamummaa akkanatti guutuu godhamtee nutti kennamte tana. Haala sunnaa Rasuulaatiin itti dalaguun nurratti dirqama.

Ergamaan Rabbii ﷺ waan ummanni isaanii if dura mudachuuf deemu sahaabota isaaniitiif wayta ibsan, Hadiisa Abu Sa’iid Al khudrii (RA) gabaase keessatti akkana jedhan.

‏"‏ لَتَتْبَعُنَّ سَنَنَ مَنْ كَانَ قَبْلَكُمْ شِبْرًا شِبْرًا وَذِرَاعًا بِذِرَاعٍ، حَتَّى لَوْ دَخَلُوا جُحْرَ ضَبٍّ تَبِعْتُمُوهُمْ ‏"‏‏.‏ قُلْنَا يَا رَسُولَ اللَّهِ الْيَهُودُ وَالنَّصَارَى قَالَ ‏ فَمَنْ ‏"‏‏.‏

Xurree ummata isiniin dura turee, taakku taakkuun, faana faanaan hordofuudhaaf jirtan. Osoo isaan boolla lootuullee seenanii isaanuma hordoftan” jedhan. Nutis, ‘Yaa rasuulallaah Yahuudaa fi nasaaraa jechuu keessanii?’ jenneen. Isaanillee, “Eenyuree kan biraa” jedhanii nuuf deebisan.

Wanti ergamaan Rabbii ﷺ jedhan

dhuguma amma mul’achutti jira. Ummanni Muslimaa sahaabota fakkeenya godhatuu dhiisee adawwii jala cehutti jira. Inumaa ammaan tana babal’achuu miidiyaalee garagaraa hordofee; aadaawwaan ummata jaahilaa dhaaluu jalqabnee jirra. Aadaan jiruufii jireenyaa, haalli deemsaa, akkaataan soorataa hundi isaaniin wal fakkaachutti jira.

Dhiheenya kana dardarran muslimaa waan hamaa tokkoon harkifamutti jiru. Dargaggoonni muslimaa hedduun, Wantoota Fiilmii fi Miidiyaa irratti arganiin sobamaa xurree hin taane keessa bu’utti jiran. Dhiiraafii dhalaan karaa haqaa fi halaalaatiin wal jaalachuun hammeenya qabaachus baatu, karaa warra nasaaraa hordofuun keenya garuu badii guddaa keessa nu naqutti jira. Dhimma jaalalaatiin wal qabatee wantoota dargaggoota muslimaa faalaa jiru keessa inni tokko, guyyaa jaalalleewwanii ykn Valentine day guyyaa jedhamuudha. Dhimma kanarraa waggaa darbes yeroma kana haasofnee turre. Ammas guyyaan kun fuula as gargalfatee waan jiruuf, wal yaadachiisuun barbaachisaa dha.

Miidiyaaleen warra dhihaa, Ayyaana kana ayyaana jaalalaa jedhanii yaamu, guyyaan kunis guyyaa warra wal jaalateeti jedhan. Hedduun keenyas waan kana akkasumatti amannee fudhannee jirra. dhuguma wanti kun ayyaana jaalalaatii? Guyyaan kun guyyaa warra wal jaalateetii? Mee qalbiin nu faana bu’aa.

guyyaan kun akkamitti jalqabe?.

Seenaa guyyaa Valentine kana yoo qorannu wantoota garagaraa heddu argachuu dandeenya. Hedduun isaanii oduu durii fakkaatu. Haa ta’u malee wanti hunda isaanii wal fakkeessu garuu waan tokko. Innis islaamumaan faallaa ta’uu isaati. Akka fakkeenyaatti seenaa guyyaa Kanaan wal qabatee himamu keeysaa, oduulee lama waliin ilaalla.

Ummaani Roomaa durii, Kiristaanummaan dhufuu isaatiin dura, amantii jaahilummaa keessa turan. Akka dur duriin isaanii jettutti, namichi Roomaa hundeesse Roomuulas jedhama. Namichi kun mucha yeeyyii eega hodheen booda, jabinaa fi hayyummaa guddaa argate. Kanaaf namicha kanaaf jaalala qaban irraa kan ka’e Gurraandhala 14, isaaf jecha ayyaana qopheessan. Guyyaa kanas spiritual Love jedhanii moggaasan. Guyyaa kanatti wantoota godhaman keessaa, saree tokkoo fi re’ee takka qaluudha. Kana booda dargaggoota jajjaboo magaalattii lama fiduun dhiiga saree fi Re’ee kana akka ofitti diban godhan. Itti aansuun ammoo dhiiga san aananiin ofirraa dhiqan. Dargaggoonni kunniin lamaan dura bu’anii, ummanni Roomaa ammoo isaan duuba deemuun magaalatti naannahu. Dargaggoonni kunniin nama fuuldura isaanii qaxxaamuru hunda alangeedhaan dhahu. Shamarran Roomaa ammoo namoota kana dura qaxxaamuruudhaan alangee dargaggoota sanniiniitiin akka dhahaman of godhu. Kunis shamarran kunniin if dura akka ilmaan horan isaan taasisa jedhanii amanu. Walumaa galatti Warri Roomaa guyyaa gurraandhala 14 kana, kiristaanummaa dura akka ayyaana guddaatti ayyaaneeffataa turan. Ayyaana kana jaalala Roomuulasiif qaban ibsatuuf itti fayyadaman. Itti aansee ammoo kriistaanummattu dhufe.

Valentine jechuun maqaa namaati. Akka Bataskaanni Roomaa jettutti namni kun nama jaalalaaf jedhee wareegame. Seenaan isaa akkana. Bara duriitti ummanni Roomaa amantii jaahilummaan hordofaa turan dhiisanii, amantii Kiristaanummaa fudhatuu jalqaban. Yeroo kanatti mootii Roomaa kan ture Kilaawdiyoos 2ffaan, loltoonni isaa gaa’ela akka hin raawwanne dhoorke. Loltoonni gaa’ela yoo raawwatan humna ittiin diinaan lolan dhabuu waan malaniif dhoorke. Haa ta’u malee namichi kiristaanaa “Valentine” jedhamu, dhoksaan loltoota kanniinitti dubra fuudhaa ture. Namichi kun jaalalaaf bakka guddaa kenna jedhama. Mootiin Roomaa ammoo oduu tana dhagahe. Kanaafis namicha kana fuudhee mana hidhaatti galche. Yeroo kanatti Mootiin Roomaa kiristaana hin turre

Mootiin Roomaa kun gara Valentine dhaquudhan ‘Kiristaanummaa kana dhiiftee amantii Roomaa duriitti yoo ka deebituu dhiifama siif godha’ jedheen. Valentine garuu waan kana fudhachuu hin barbaadne. Kiristaanummaa irratti du’uu murteesse. Haala kanaan gaafa gurraandhala 14 ajjeeffame. Roomaan guutumaan guututti yeroo Kiristaanummaa fudhattu bara 350tti, bakka Valentine itti ajjeefame kanatti Batskaanni yaadannoo isaatiif ijaarame. Maqaa guyyaan kun duraan ittiin beekkamu, ‘Spritual love” dhiisanii ‘Martyrs love’ akkasumas ‘feast of lovers’ jedhaa ayyaneeffatuu eegalan. Valentine illeen mallattoo jaalalaa jedhamee ibsamuu jalqabe. Maqaa Valentine jedhu irrattis, saint ykn qulqulluu kan jedhu dabalaniif.

Walumaa galatti seenaalee kanniin lamaan irraa, ayyaanni kun Ayyaana warra Awaamaa fi Nasaaraa akka ta’e hubatuu ni dandeenya. Kanaafuu nuti guyyaa kana akkuma warraa san dhiiga uffannee ayyaana kana ayyaaneeffatuudhaaf lafa dhiituu hin qabnu. Abbaan warraa fi haati warraa takka wal jaalatu. Jaalala isaanii kana ibsatuudhaaf garuu guyyaa warra Awaamaa fi Nasaaraa kanatti fayyadamuu hin qaban. Akka warra dhiiga saree fi Re’ee dibatee san, uffata diimaa uffatanii karaa irra deemuun eenyuun akka wal nu fakkeessaa jirtu hubatuu qabna.

Namni guyyaa kana ayyaaneeffatu, ayyaana Awaammaniifi kiristaanota Roomaa ayyaaneeffataa akka jiru hubatuu qaba. Gama biraatiin guyyaa kana dhalaa fi dhiirri walitti makamuudhaan fasaada hamaa keessa oolu. kanaafuu ayyaana kanarraa fagaatuun rakkoo jalaa of hanbisuun barbaachisaadha.

Namni gariin guyyaa jaalalaa ayyaaneeffatuun rakkoo maal qaba jedhee gaafatuu danda’a. shirkiinis haaluma Kanaan akka jalqabdu beekuu qabna, wantoota rakkoo maalii qaba jennee jalqabnutu, boru guddatee rakkoo hamaa keessa nu seensisuu mala. Guyyaa kana ayyaaneeffachuu keetiif wanti ati buufattu wanti tokko hin jiru. Yoo nasaaraa fi Awaamaan wal fakkaatuu taate malee. Jaartii tee akkasumas jaarsa kee umrii kee guutuu jaaladhu. Waggaan tokko guyyoota 365 qaba. Guyyaan Rabbi uume hundi guyyaa jaalalaati. Nuti ilma namaa hunda caalaa Nabi Muhammad ﷺ jaalanna. Guyyaan jaalala Rasuulaa jennee kophxeeysinu hin jiru. Daqiiqaa hunda, sa’aa hunda, guyyaa hunda, waggaa hunda, umrii keenya guutuu Rasuula keenya ni jaalanna. Ahliifi maatii keenyas ni jaalanna. Guyyaan addaa kan jaalalaa islaamummaa keessa hin jiru.

Qabxiin biroo kan itti idaanee laallu, waahee halluu diimaati. Alaabaan biyya hedduu halluu diimaa kana ni qaba. Halluun diimaan yeroo heddu mallattoo dhiigaati. Biyyi gariin dhiiga bilisummaaf dhangalaasan ibsuuf itti fayyadamu. Namoonni gariin ammoo, dhiiga if dura dhangalaasuuf qophaahan ibsuuf fayyadamu. Gamuma hundattii siyaasaa keessatti halluun diimaan mallattoo dhiigaati. Gama guyyaa valentine kana hogguu deebinu ammoo, halluun diimaan mallattoo jaalalaa tahe. Waan ajaa’ibaa dhiirri tokko intala jaalatuuf ilillii diimaa kenna. Mallattoo onnee wayta kaasan halluu diimaan kaasu. Waan jaalalaan wal qabatu hedduu halluu diimaan ibsu. Guyyaa valentine kanas namnoonni heddu huccuu diimaa uffatu. Kaanis makiinaa diimaa, mobile diimaa, kophee diimaa. Waan hunda diimessee yaa’a. warri ayyaana kana eegale sababaa qaba. Sababaan isaatis kanuma asii olitti dubbanne kana. Warri kuun dhiiga sareefi re’ee dibata. Warri dhiiga hin dibanne ammoo huccuu diimaa uffata. Kanaafuu huccuun diimaan kun dhiigarraa bakka buuti jechuudha. Duuba nuti maaliif guyyaa tana dhiiga uffanna? Tunis gaafii namni hundi if gaafachuu qabu. Hundi keenyaa dhaamsa kana waliif dabarsaa, ayyaana faallaa islaamummaa tahe kanarraa akka wal tiysinu dhaamsa dabarsina.


Kommentare


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page